Duula dhibee sombaarratti taasifamaa jiruufi hudhaalee mul’atan

Finfinnee: Dhibee sombaa toora dhibeewwan balaafamoo addunyaa ta’an bara 2030tti dhabamsiisuuf duula taasifamaa jiru milkeessuuf Itoophiyaanis tattaaffii cimaa taasisaa jirti. Dhibeen kun dhibee wal’aansaan fayyan keessaa tokko yoo ta’u, sababa wal’aansa gahaa dhabuun waggaa waggaatti lubbuuwwan hedduu galaafachaa jira.

Kabaja guyyaafi qorannoo dhibee sombaa marsaa 18ffaa kabajame ilaalchisee Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Hayyoota dhimmi ilaallatu waliin turtii taasiseera.

Ministeera Fayyaattii Dursituun Raawwachiiftuu Hojii Ittisaafi To’annoo Dhibeewwanii Doktar Hiwoot Solomoon akka jedhanitti, dhibeen sombaa rakkoo fayyaa qofo osoo hin taane rakkoo hawaasummaafi dinagdee hamaa ta’ee jira. Itoophiyaatti waggaatti namootni kuma 156 ta’an dhibee kanaan yommuu qabaman guyyaatti namootni 54 hanga 57 ta’an lubbuunsaanii darbaa jira.

Ta’us, Itoophiyaan giddugala yaalii qorannoo dhibee sombaafi bakka wal’aansa dhukkubsattootaa babal’isuun, meeshaalee qorannoo ammayyaa’oo gara biyyaatti galchuufi hojii hubannoo bal’inaan uumuun gaaga’ama dhibee sanii haalaan gad buusuu danda’ameera.

Tarsiimoo dhibee kana maqsuuf akka addunyaatti kaa’ame bu’uura godhachuun Itoophiyaan hanga namoota haaraa dhibee kanaan qabamanii dhibbantaa 31 wayita gadi buustu hanga du’aa dhaqqabuus dhibbantaa 34n gadi buusuushee hubachiisaniiru.

Ta’us ongeen jijjiirama haala qilleensaatiin mudatu, rakkoon nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atu, hubannoo gahaa dhabuufi dawaa dandamachuu dhibee kanaan walqabatee ammayyuu hojii bal’aan jiraachuu dubbataniiru. Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti haala ittiin ummata bira ga’amu tarsiimoo addaa fayyadamuuf tattaaffiin eegaluus yaadachiisaniiru.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Dursaan Garee Ittisaafi To’annoo Dhibee Busaafi Juzaamii Obbo Kullaattoo Gammadee gamasaaniin akka jedhanitti, biyyoota gammoojjii Sahaaraa gadii 30n kanneen dhibeen sombaa itti heddummaatu keessaa Itoophiyaan ishee tokko yommuu taatu, Oromiyaattis dhibeen kun hamaadha.

Naannichatti meeshaalee daran ammayyaawoo ta’aniin wal’aansa kennuun cinatti hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jira jedhanii; hubannoon kilaastaraan hawaasaaf kennamu kun kallattiin mootummaa naannichaatiin yeroo yeroodhaan kan gamaaggamamu ta’uus dubbataniiru.

Ta’us dhukkubsattoonni qoricha dhibee kanaaf addaan kutuufi darbe darbee hanqinni qorichaa mul’achuu himanii; ta’us mootummaa naannichaa barana ittisaafi to’annoo dhibichaatiif oolu qarshii miliyoona shan addatti ramaduu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You