Halaabaa: Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti qonna arfaasaa baranaatiif Amajjiirraa eegalee qophii gahaan taasifamaa turuufi raabsa xaa’oorratti to’annoofi hordoffii cimaan taasifamaa jiraachuu biiroon qonna naannichaa ibse.
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Damee Qonnaafi Misooma Baadiyyaafi Hogganaa Qonnaa naannichaa Obbo Usmaan Suruur garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti dheengadda akka himanitti, qonna arfaasaa baranaatiif Amajjiirraa kaasee sadarkaalee naannoo, godinaafi aanaatti sosochiin qonna arfaasaa, misooma sululaa, biyyee asiidawaa gabbisuufi biqiltuuwwan waqtii arfaasaa dhaabamanirratti xiyyeeffachuun sosochii bal’aan adeemsifameera.
Naannichatti qonna arfaasaa baranaatiin lafa heektaara kuma 392 akaakuuwwan midhaan gara garaatiin uwwisuun omisha kuntaala miliyoona 49.9 arachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus himanii, dabalataan lafa heektaara kuma 103 kuduraalee garagaraatiin uwwisuudhaan omisha kuntaala miliyoona 22.9 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.
Omishaafi omishtummaa argachuuf karoorfame milkeessuuf lafti bal’aan tiraaktaraan qotamee kilaastaraan akka facaafamu taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, hanqina tiraaktaraa furuuf tiraaktaraa kiraadhaan Oromiyaarraa fidanii ittifayyadamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo dhiyeessa xaa’oon walqabatee bara darbe mudatee ture furuuf mootummaan federaalaa barana xaa’oon yeroodhaan bitamee gara biyyaa galee qonnaan bultoota bira akka ga’u taasiseera kan jedhan Obbo Usmaan, yeroo ammaa xaa’oon %55 ta’u naannicha qaqqabeera. Bara darbe yeroo walfakkaatutti xaa’oon naannicha qaqqabe %25 qofa akka tures yaadachiisaniiru.
Naannichatti xaa’oo seeraan ala socho’u to’achuuf qajeelfamni bahee hojiirra oolaa jiraachuu himanii, xaa’oon seeraan ala socho’u yoo jiraate mootummaadhaan kan dhaalamu ta’uufi gareen kana hordofuufi to’atus hundaa’uu eeraniiru.
Xaa’oo biyya alaatii bitee kan galchuufi kan raabsu mootummaa qofa kan jedhan Obbo Usmaan, kan raabsamu ammoo karaa waldaa hojii gamtaa qofa ta’uu akka qabus ibsaniiru. Kanaan ala qaamni kamuu xaa’oo raabsuufi sochoosuu hindanda’u. Xaa’oon seeraan ala socho’u yoo jiraate ammoo mootummaadhaan dhaalama jedhan.
Naannichatti xaa’oo seeraan ala socho’u to’achuuf namni xaa’oo seeraan ala socho’u argee eeruu kennu gatii xaa’oon sun gurguramee argamsiisu keessaa %20, kan qabe %20, sakatta’uun yoo barbaachise ammoo kan sakatta’e %10 kan argatu ta’uu himanii, kan hafe ammoo caasaa mootummaa magaalaa, aanaafi godinichaa xaa’oo seeraan ala socho’u qabetu fudhata jechuun ibsan.
Muudamtoota mootummaa xaa’oo seeraan ala raabsanirratti tarkaanfiin siyaasaafi seeraa kan fudhatamu ta’uus himanii, ogeessota yoo ta’an ammoo tarkaanfii bulchiinsaafi seeraatu irratti fudhatama jedhaniiru. Daldaltoota sochoosanirrattis tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu himaniiru. Hordoffiifi to’annoo taasifamaa jiruun naannichatti raabsi xaa’oo haala gaariirra jiraachuus beeksisaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016