Finfinnee: Hojii misooma koriidarii Finfinnee kan deeggaran ta’uu kaafamtootni misoomaa duraan Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) jiraachaa turan ibsan.
Kaafamtootni misoomaa kunniin bakki isaan jiraachaa turan misoomaa waan jiruuf iddoo qophaa’efitti gammachuudhaan galaa jiraachuu ibsaniiru.
Duraan mana gandaa keessa jiraachaa kan turan Aadde Roomaan Geetaachoo yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kaleessa kennaniin akka jedhanitti, naannawaansaanii iddoo namni kabaja namummaa dhabee akka namaatti jiraachuuf rakkinni itti heddummaatu ture.
Waggoota 40 rakkina keessan dabarse jedhanii, maatiisaanii saddeet waliin mana daran dhiphaa ta’e keessa jiraachaa turuufi gaafa firri ittidhufullee bakka ittisimatan dhabanii gidiraa argaa turuu dubbatu.
“Abbaan Warraakoo Adoolessa darbe hospitaalatti boqatee sababa dhiphina mana keenyaatiin otoo reeffisaa gara manaatti hinseeniin karrarra bulee gara awwaalaa gaggeeffame.
Har’a mootummaan mana dhiphaa sana keessaa na baasee achuma, naannawa riqicha Raas Mokonninitti mana bal’aafi sadarkaasaa eeggatetti na galcheera. Mana bareedaa naa qophaa’etti galuu kootti gammadeera. Abbaan warraakoo otoo carraa kana ijasaatiin hinargiin boqochuusaatti baay’een gadda.
Sababa misoomichaatiin anaafis ta’e warra naannawicha turan hedduuf biiftuutu bahe. Namoota hirkattummaadhaan baroota hedduuf achi jiraachaa turan haala kamiin keessummeeffamuu akka qabanirrattis otoo yaadamee gammachuun keenya guutuu ta’a” jedhan.
Naannawa sanatti dubartootni qaamasaanii gurguranii bulan baay’inaan akka turanis yaadachiisanii, dubartoota kunneeniifis carraa hojiifi madda galii otoo uumameefii gaariidha jedhan Aadde Roomaan.
Mana gandaa keessa jiraachaa kan turan Obbo Girmaa Gazzees misooma hojjetamaa jirutti daran kan gammadan ta’uu himanii, jireenyi naannawa Birbirsa Gooroo sun rakkinumaaf bakka jireenyaaf mijatu hinturre jedhan.
Mana mootummaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, naannawa Midra Gannat jedhamutti qopheesseefitti galuu eeranii, “Duraan maatiikoo nama torba waliin mana bal’innisaa kaareemeetira 12 ta’u keessa jiraachaa turre, bal’inni mana amma arganneemmoo mana isa duraa dachaa sadiin kan caaluudha. Manni duraanii mana fincaaniifi bakka nyaata itti qopheessan kophaatti hinqabu ture. Kan amma argannemmoo lamaansaaniyyuu kophaatti qaba.
Mana ammaa kanatti kiraadhaan galle. Gatiin kiraasaa waan nutti ulfaatuuf, seera kondominiyeemiitiin otoo nuu kennamee gaariidha” jedhan.
Haaluma walfakkaatuun kaafamaan misoomaa Obbo Ayichiluu Geetaachoo jedhamanis nama iddoo hojiin misoomaa kun itti hojjetamaa jirurraa gara kondominiyeemii Jamootti kaafamaniidha.
Isaanis, misoomni hojjetamaa jiru kan namoonni hundi deeggaruu qabuudha jedhanii, manni kennameef kan bu’uuraaleen misoomaasaa hinxumuramne waan ta’eef si’aayinaan akka xumuramuufiif gaafataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016