Finfinnee: Warraaqsa dinagdee damdaneessa guutuu Oromiyaatti bara 2011/12 hektaara kuma torbarratti eegalame dachaan dabaluun heektaara miliyoona 2.8n gahuu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa ibsan.
Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, misoomni qamadii bara 2011/12 lafa heektaara kuma torbarratti eegalame miliyoona 2.8 qaqqabeera.
Inisheetiiviin omisha qamadii guutuu Oromiyaatti adeemsifamaa jiru kun yeroorraa yerootti dachaan dabalaa jiraachuu himanii, waggaa darbe wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbamee kuntaalli miliyoona 1.4 alergiif ooluu dubbatu.
Lammiilee sababa ongeetiin rakkoof saaxilamanii turaniifis akka naannootti dhiyeessuun wabii midhaan nyaataa lammiilee ta’uun imjifannoo guddaadhas jedhu.
Dhaabbileen alaa dur Yuukireenirraa qamadii bitanii gargaarsaaf oolchan rakkoo walwaraansa Yuukireeniifi Raashiyaatiin qamadiin achii dhufu addaan cituu hordofee Oromiyaarraa bituusaaniifi sharafni alaa gama kanaan argamuus ibsaniiru.
Sochii yeroo ammaa ittijiramuun Itoophiyaan Afrikaaf madda nyaataa akka taatu daawwannaa dhaabbanni ‘CO/UNEDO’ akka Oromiyaatti taasiserratti ibsameera jedhu Obbo Geetuun.
Kanamalees Oromiyaa dabalatee warraaqsa misooma qamadii akka biyyaatti eegalameefi milkaa’ina argame bu’uura godhachuudhaan dhaabbanni ‘Agricolla’ jedhamu Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) badhaasuun imala gaariirra jiraachuu keenyaaf agarsiistuu guddaadhas jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti, barana omisha qamadiirraa kuntaalli miliyoona 105 ol gannarraa, harki 26 kan bonaarraa dhibbantaan 46 gabaaf kan dhiyaatu ta’uus Obbo Geetuun ibsanii, achi keessaa kuntaalli miliyoona 11 ol gabaa alaatiif ooluu danda’a jedhaniiru.
Omishaafi omishtummaan keenyas dachaan dabalaa jira jedhanii, hektaaara tokkorraa kuntaala 35 hanga 93 galmaa’aa jiraachuun jijjiirama addaa ta’uu eeraniiru.
Lafti hektaara miliyoona 2.8 qamadiin uwwifameera gaafa jennu teknolojii ammayyaafi ogeessota ‘GPS/GIS’n qoratamee qabatamummaansaa kan mirkanaa’e ta’uus dubbataniiru.
Omishaafi omishtummaan inisheetivii qamadiifi kan biroo dachaan akka dabaluuf kanamalees sharafa alaa karoorfame milkeessuuf dhiyeessiin guddistuu callaa xaa’oo barana kuntaalli milyoona 8.2 naannicha keessaa galchuuf karoorfame keessaa kutaalli miliyoona 4.5 biyya keessa galuus ibsaniiru.
Alseerummaan xaa’oorratti mudatu akka dhaabbatuufis bittaafi gurgurtaan baankii wajjin hidhata uumuun gaggeeffamaa jiraachuus eeraniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016