“Mariin biyyaalessaa riqicha biyyaafi dhaloota boqonnaa haaraatti ceessisuudha” -Obbo Tasfaayee Beeljigee

Finfinnee: Mariin biyyaalessaa yaadame riqicha biyyaa, dhalootaafi seenaa gara boqonnaa haaraatti ceessisu ta’uu Ministirri Ittiwaamama Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee ibsan.

Obbo Tasfaayeen kana kan ibsan waltajjii marii haala hojmaata filmaata ajandaa marii ilaalchisee Komishiniin Marii Biyyaalessaa tibba darbe qopheesserratti argamuuni. Akka isaan jedhanitti, biyya walittibu’iinsi saffisaan mudatu Itoophiyaatti mariif carraaquun biyyaafi dhaloota gara boqonnaa haaraatti ceessisuudha. Mariin yaadame kunis rakkoo maraammartoo jeequmsaa hundeerraa furuuf humna guddaa qaba.

Waliin mari’achuun Itoophiyaaf dhimma filannoo osoo hintaane dirqama ta’uu ibsanii; waldhabbiin irra deddeebiin mudatee guddina biyyaa sakaalaa jiruuf falli yeroo dhumaa akka kennamu fedhii ummata biyyattii qofa osoo hintaane ejjennoo mootummaas ta’uu hubachiisaniiru.

Biyyootni  addunyaa rakkoo hamaa keessa turan kanneen akka Maalii, Toogoo, Tuuniziyaa, Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Guwaatimaalaa, Peeruufi Yamanfaa waliin mariif bakka kennuu yaadachiisanii; biyyootni madda waldhabbii bu’uuraarratti mari’atan akkuma karoorfatanitti rakkoo keessaa ba’uu dubbataniiru. Faallaa kanaatiin warri ajandaa marii qixa sirriin hinhubatneefi garaarraa hinmari’atne akka Yamanfaa rakkoo caaluuf saaxilamuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, darbee darbee walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaafi Amaaraatti mul’aturraa kan ka’e namoota tokko tokkoof barbaachisummaan marii biyyaalessaa gaaffii ta’uu mala. Ta’us Peeruun fonqolcha mootummaa yeroo 26 taasisuun, heera yeroo 13 fooyyessuufi mootummaa yeroo 106 jijjiiruun booda  jeequmsa hamaarraa waan ishee hinoochineef gara qalbii jijjiirrannaatti deebi’uun marii milkaa’aa taasisteetti. Milkaa’ina marichaatiif galtee guddaan dhimmoota bu’uuraa madda waldhabdee ta’an adda baasuun irratti mari’achuudha.

Guwaatimaalaanis jeequmsa lubbuu namoota kuma 150 galaafatee keessaa ta’uun marii milkaa’aa taasisuu himanii; Itoophiyaatti garuu darbee darbee naannolee Oromiyaafi Amaaraarraa kan hafe bakkeewwan biroo nageenyi waan jiruuf marii taasisuuf danqaan akka hin jirre dubbataniiru.

Naannoo Amaaraatti waltajjiin marii ummataa 15 ol  taasifamuu eeranii; naannoo Tigraayitti hawaasa bal’aa waliin mari’achuuf haalli nageenyaa mijataa ta’uus kaasaniiru.

Waantota hundarratti mari’atanii waliigaluun muuxannoo biyya kamuu akka hintaane himanii; komishiniin marii biyyaalessaas haalli inni itti ajandaafi hirmaattota marii filachuuf adeemaa jiru abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Hammattummaafi hirmaachisummaa mirkaneessuuf sochii koomishinichi taasisaa jiru gaarii ta’uus eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You