Walqixxee: Naannoon Itoophiyaa Giddugaleesssaa Adoolessa 13 bara 2015 hundaa’e. Naannichi godinaalee torbaafi aanaalee addaa sadiifi ummata miliyoona 7.5 qaba. Naannichi hundaa’ee ji’oota ja’a keessatti jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu himu Pirezdaantiin naannichaa Obbo Obbo Indaashaawu Xaasawu.
Pirezidaantichi ibsa kaleessa garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi erga hundaa’ee ji’a torba ta’eera. Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin hoggantoota adda baasuufi qindeessanii hojiitti galchuun yeroo fudhateera. Sadarkaa naannootii hanga aanaatti hoggantoota kuma afuriifi 500 ol leenjisuun gara hojiitti akka galan ta’eera. Naannichi hojjettoota siivilsarvisii kuma 120 ol kan qabu ta’uus eeraniiru.
Akka pirezidaantichi jedhanitti, bulchiinsi naannichaa kilaastaroota (wiirtuuwwan) torba kan kan qabu yoo ta’u, Hosa’inaan teessoo Pirezdaantii, Buttaajiraan Kilaastara Dinagdee, Walqixxeen Kilaastara Bu’uraalee Misoomaafi Mana Maree, Halaabaan Kilaastara Haqaa, Duraameen Kilaastara Qonnaafi Waraabeen Kilaastara Hawaasummaati. Kilaastaroota kunneen qindeessinee Onkoloolessa 17 bara 2016 Hosaa’inaatti bakka pirezdaantonni naannolee, ministeeronni, poolisoonniifi abbootiin qabeenyaa argamanitti ifatti hojii jalqabsiifne.
Bulchiinsi naannichaa akkuma hojii jalqabeen bakka bu’oota ummataa godinaalee torbaafi aanaalee addaa naannichaa waliin mari’achuun karoora guyyoota 100 qopheeffatee hojii jalqabuu himanii, keessumaa dhimmoota nagaanyaa, qonnaa, galii walittiqabuu, barnoota, fayyaa, carraa hojii uumuu, misooma gabaafi invastimantii, bu’uraalee misoomaa daandii, bishaaniifi ibsaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jirra jedhan.
Hojii nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf raawwatamaa tureen nageenyi naannichaa yeroo ammaa sadarkaa fooyya’aarra jiraachuu himanii, hojiin nageenya naannichaa, naannoleefi godinaalee ollaa eegisuufi mirkaneessuu gara fuuldiraattis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru.
Naannichi bara 2016 bishaan lafa jalaa lageeniifi rooba fayyadamuudhaan waggaa guutuu hojii qonnaa adeemsisaa jiraachuus eeranii, hojii qonna qindaa’aa baadiyyaafi magaalaatti adeemsifamaa jiruun omishaafi omishtummaan qonnaa daran dabalaa jira jedhan. Omishaalee kunneeniif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf naannichatti gabaan Sanbataafi Dilbataa 93 iddoowwan gara garaatti hundaa’uun ibsaniiru.
Galii naannichaa guddisuuf sirna kaffaltii galii ammayyeessuu, seera qabeessa taasisuufi daldaltoota seeraan alaa gara seera qabeessaatti fiduuf hojiilee hedduun raawwatamaa turuu himanii, galiin raawwii hojii ji’oota ja’an darbanii kan bara darbe yeroo walfakkaatuu waliin yoo madaalamu qarshii biiliyoona 1.5n kan caalu ta’uu dubbataniiru.
Qabxii barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa fudhataniifi yunivarsitii seenanii fooyyessuuf qindeessaa manneen barnootaa 700fi barsiisota kuma10 ta’an yunivarsitiiwwan Walqixxee, Waachaamoofi Waraabeetti leenjii akka argatan ta’eera jedhan.
Hojii eksteenshinii fayyaa laafee ture cimsuun naannawichatti raawwatamaa tureen dhibeewwan daddarboo akka gifiraafi kooleraa yeroo gabaabaa keessatti to’achuun danda’ameera. Hawaasni naannawichaa qarshii 800-1000 kaffaluudhaan miseensa Inshuraansii fayyaa ta’ee waggaa guutuu bilisaan tajaajila wal’aansa fayyaa akka argatu ta’eera. Kanaan dura naannichatti namoonni kuma 800 ta’an miseensa Inshuraansii Fayyaa ta’uufi barana ammoo miseensota kuma 600 ittidabaluuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalaafi baadiyyaatti carraa hojii bal’aa uumuuf damee hojii invastimantiifi qonnaa babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin gama daldalaa, fayyaafi barnootaatiin bu’aawwan fooyya’oon galmaa’uu eeranii, rakkoolee daandii, bishaan, ibsaa, tajaajila bilbilaafi lafaan walqabatanii jiran furuun ammayyuu xiyyeeffannaa addaan irratti hojjechuu kan barbaadu ta’uu addeessaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016