Tarcaa: Tarcaan magaalaa guddoo godina Daawurooti. Daawuroon ammoo godinaalee Bulchiinsa Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaa ja’an keessa isa tokko. Magaalattiin erga hundooftee waggaa 25 ta’uufi yeroo ammaa misoomaafi guddina si’ataa galmeessisaa jiraachuu dubbatu kantiibaan magaalattii Obbo Daawit Wandimmuu.
Obbo Daawit garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa hojiif garasitti imaletti akka himanitti, magaalattiin kanaan dura rakkoo bu’uraalee misoomaa hedduu keessa turte. Jiraattonni magaalattii qarshii walitti buusanii doozariifi gireedarii bituun rakkoo daandii magaalattii furuu keessatti hirmaannaa guddaa taasisaniiru.
Hirmaannaa ummataatiin gandoonni magaalattii yeroo ammaa guutummaatti tajaajila ibsaa kan argatan ta’uu himanii, rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii furuuf pirojektiin bishaan dhugaatii mootummaan federaalaafi naannichaan ijaarame dhiyeenya kana eebbifamee tajaajilaaf ooleera jedhan.
Hojiin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu Caamsaa bara 2013 jalqabamee dhiyeenya eebbifame kun rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii sadarkaa olaanaadhaan kan furu ta’uus himaniiru.
Pirojektichi qarshii miliyoona 205 oliin hojjetame kun sekondii tokkotti bishaan liitirii 30 ol kan maddisiisu ta’uu himanii, bishaan duraan dhiyaachaa ture sekondii tokkotti bishaan liitirii 10 maddisiisaa turuus eeraniiru.
Magaalattiin erga wiirtuu bulchiinsa naannichaa taatee as misoomaafi guddina si’ataa galmeessisaa jiraachuu himanii, magaalattiin jireenyaaf mijattuufi filatamtuu ta’uufi nageenyishees amansiisaa ta’uu eeraniiru.
Magaalattiin waggaa tokko keessatti hirmaannaa jiraattotaatiin idaa qarshii miliyoona 68 ofirraa kaffaltee fixuufi yeroo ammaa misoomaafi guddina si’ataa galmeessisaa jiraachuu himu.
Bulchiinsi magaalattii hawaasa hirmaachisuun hojiilee misoomaa hedduu hojjechaa jira kan jedhan Obbo Daawit, ibsaan daandiirraa qarshii miliyoona 23 oliin hojjetame keessumaa halkan magaalattiif miidhagina addaa kenneera. Bulchiinsichi jiraattota hirmaachisuun gaaffiilee misoomaa deebisuuf kutannoo cimaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Tarcaa harkaqal’eeyyii gargaaruuf manneen kutaa 12 qaban qarshii miliyoona sadiin ijaaruu himanii, harka qalleeyyiin manicha fudhatanis galii mataasaaniin of danda’anii akka jiraataniif bakki isaan itti biddeen tolchanii gurguranis kan hojjetameef ta’uufi barana abbootii qabeenyaa hirmaachisuun manneen harkaqal’eeyyii kufan 20 ol kan ijaaramuus eeraniiru.
Magaalattiitti bara 2015 as abbootiin qabeenyaa 12 gara hojii ijaarsaatti galaniiru. Dhalattoonni saba Daawuroo biyyoota gara garaa jiraatanis gurmaa’anii hojii magaalattiitti Riil Isteetiirratti bobba’aniiru. Magaalattiin misoomaafi invastimantiif daran mijattuu waan taateef abbootiin qabeenyaa hedduu simachaa jirti. Hojiileen misoomaafi invastimantii magaalattiitti adeemsifamaa jiranis dargaggoota hedduuf carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu himaniiru.
Magaalattiin pilaaniidhaan kan hundoofte ta’uufi yeroo ammaa ammoo maastar pilaanii waggaa 10 baafattee hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Dajanee Addaroo jiraataa Magaalaa Tarcaa, ganda 02ti. Akka isaan jedhanitti, magaalattiin yeroo dhiyoo as jijjiirama guddaa agarsiisaa jirti. Hojiileen misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamaniiru; hojjetamaas jiru.
Bu’uraaleen misoomaa kanneen akka daandii, ibsaafi magaalattiitti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himanii, waggaa tokkoo as magaalattiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jirti. Ibsaan daandiirraa hojjetameefi qalamni daandiirra dibame keessumaa halkan magaalattii miidhagina addaa gonfachiiseera jedhu.
Hojdhabdummaan dargaggootaa rakkoo guddaan magaalattiitti mul’achaa jiru ta’uu himanii, dargaggootaaf carraa hojii uumuun hojii mootummaadhaan xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabu ta’uu eeru.
Cornaaqqeefi sambuusaa hojjechuun akkasumas bunaafi shaayii danfisanii gurguruudhaan ijoollee sadiifi haadha warraasaanii bulchaa jiraachuu kan himan Obbo Dajaneen, hojicha mana xiqqoofi daandiirratti hojjechaa waggaatti gibira qarshii kuma 10 kaffalaa jiraachuu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016