Haroo Dandii hubaatiirraa baraaruuf hojiin misooma sululaa hojjetamaa jira

Finfinnee: Haroo dandii hubaatiirraa baraaruuf hojiin misooma sululaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Lixaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tarrafaa Araarsaa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Haroon Dandii haroo dhoohinsa volkaanootiin uumame waan ta’eef tabbaafi irraangadeen marfamuu cinatti qorqamaafi dhiqama biyyeef daran saaxilamaadha. Rakkinicha ilaalcha keessa galchuun akka godinaattis ta’ee naannichatti hojiin misooma Sululaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.

Waggoota sadan darbanirraa eegalee hojiin kun achitti hojjetamaa jiraachuu yaadachiisanii, Godina Harargee Lixaatirraa kanaan dura muuxannoo qooddachuun muuxannoo argametti fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee misooma sululaa naannawa harichaatti waggoota sadan darban hojjetamaniinis qonnaan bultootni achitti argaman fayyadamaa jiru kan jedhan Obbo Tarrafaan; kuduraafi muduraa omishuun, horsiisa kanniisaarratti bobba’uun, omishaalee barootaan dura achitti hin beekamne kanneen akka appiliifi giishxaa omishaa jiraachuusaanii dubbataniiru.

Hojiin achitti hojjetamaa jiru faayidaansaa damdaneessadha kan jedhan Obbo Tarrafaan; naannawaan harichaa uumamaan bareedina gonfate caalaatti bareedee hawwatu turiizimii gochuufis kan gargaarudha jedhaniiru.

Harargee Lixaa, Aanaa Gammachiisitti Ogeessi Eegumsa Biyyeefi Bishaanii Waajjira Qonnaa Obbo Saamsoon Mitikkee gamasaanitiin akka jedhanitti, aanichi hojii misooma sululaatiin akka Oromiyaatti beekamtii gonfateera. Hojii misooma sululaatiin Lagni Caancoofi Burqaan Gooroo Biiftuu jedhaman badanii turan bakkatti deebi’aniiru. Qonnaan bulaan marga daagaarratti margu fayyadamuun sangaa furdisee hanqa qarshii kuma 200tti gurguraa jiras jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniin sagantaa godinni Harargee Lixaa Godina Shawaa Lixaatiif Haroo dandiitti muxanoo qooderratti akka jedhanitti, naannoon Oromiyaa hojii misooma sululaatiin bu’aalee boonsaa ta’an hedduu galmeessisaa jira.

Hojiilee hojjetaman hunda caalaa hojiin Haroo Haramaayaa bakka turetti deebisuu hojii boonsaa dhalootatti ce’u ta’uu himanii; qonnaan bultootni Harargee kan Haramaayaatti lubbuu horan muuxannoosaanii gara godinoota biroo deemanii akka qoodaniif hojjetamaa jira jedhaniiru. Barana sadarkaa Oromiyaatti hanga ammaatti waliigalatti daagaan kiiloomeetira miliyoona 1.1 hojjetamuus yaadachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You