Finifinnee: Omisha qamadii jallisii bonaa baranaa hanga ammaatti sassaabamerraa callaan qamadii kuntaalli miliyoona 17.68 argamuu Biiroon Qonna Oromiyaa ibse.
Biirichatti qindeessaan Inisheetiivii Misooma Qonna Bonaa Obbo Xahaa Muummee Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, omisha qamadii bonaa baranaa hanga ammaatti sassaabameerraa callaa kuntaalli miliyoona 17.68 argameera. Bara darbe omishni waliigalaa kuntaala miliyoona 38 barana ammoo kuntaala miliyoona 105.8 wayita eegamu kuntaala miliyoona 67.8 caalmaa qaba.
Akka ibsasaaniitti, naannoon Oromiyaa omisha qamadii baranaatti lafa hektaara miliyoona 2.6 misoomsuun callaa kuntaala miliyoona 105.8 sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu himanii; hojii hanga ammaatti hojjetameenis lafa hektaara miliyoona 2.8 misoomsuun callaa karoorfameen ol sassaabuuf eegamaa jira jedhaniiru.
Naannawawwan dafanii facaasanitti sassaabbiin omishaa eegalamuu himanii; hanga ammaatti sassaabbii gaggeeffameen lafa hektaara kuma 708 ol irraa sassaabameera. Isa keessaa lafa hektaara kuma dhibbi 609 ol midhaan sassaabame calleeffamuun kuntaalli miliyoona 17.68 argameera.
Misoomicha milkeessuuf guddistuu callaa mankuusaa buleefi haaraa barana bitame dabalatee qonnaan bulaaf akka dhiyaatu ta’eera. Sanyii filatamaa biiroo qonnaan dhiyaatu dabalatee sanyii dhaloota lammaffaa qonnaan bulaa harka jiru hojiirra ooleera.
Misoomicharrati tiraaktaraafi kombaayinara fayyadamuu himanii; godinaalee Arsii Lixaafi Arsii, Shawaa Bahaa, Jimmaa, Baalee lamaan, dabalatee fayyadamoo maashinoota kanneenii ta’aniiru. Haala bilchina omishaafi yeroo ittifacaasan bu’uura godhachuudhaan godinaa gara godinaatti bifa kiraayiifi ergisaan waliif dabarsuun hanqina tiraakteraafi kombaayinaraa mul’atan maqsuu dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, naannawa sassaabbiin omisha qamadii ga’etti miidhaa dhaqqabsiisuu baatus roobni yeroosaa hineeggatin omishni saffisaan akka hinsassaabamne danqeera. Ta’us kombaayinaraafi humna namaa baay’isuun bifa duulaan irra aanuun danda’amuu ibsaniiru.
Ta’us hanga omishni sassaabamee xumuramutti rooba arfaasaa kanarratti of eeggannoon taasifamuu qaba jedhanii; keessumaa naannawaa omishni qamadii sadarkaa guddinaarra jirutti aramaan dafee akka guddatu waan taasisuuf to’annoon hordofamuu akka qabu dhaamaniiru.
Qonnaan bultootni haala qabatamaa omisha yeroodhaa gara yerootti hordofuudhaan hatattamaan qaama ilaallatuuf gabaasuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016