Finfinnee: Gabaan kaappitaalaa/istookii Itoophiyaan hojiirra oolchuuf itti adeemaa jirtu qaala’iinsa jireenyaa akka biyyaatti mudateef furmaata waaraa ta’uu Ministir De’eetaan Misoomaafi Karooraa Doktar Namarraa Gabayyoo ibsan.
Doktar Namarraan Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, seektara faayinaansii gabbisuuf Itoophiyaan damee baankiifi inshuraansiin hojii bal’aa hojjettee jirti. Ta’us damee kana qofaan guddina yaadame bira ga’uun hin danda’amne. Kanaafuu, baankiifi inshuraansii cinatti seektara faayinaansii biroo gabbisuuf gabaa kaappitaalaa hojiirra oolchuun gumaata guddaa qaba. Maallaqa baankiitti kuufame bifa liqaa invastimantiitti jijjiiruun carraa hojii bal’aa uumuun cinatti guddina dinagdee saffisaa galmeessisuudha.
Gabaa kaappitaalaatiin abbootiin qabeenyaa/ namootni gurmaa’anis ta’e dhuunfaan dameelee invastimantii garagaraarratti wayita hirmaatan dhiyeessiin omishaalee akka gabbatu taasisa jedhanii; dhiyeessiin jiraannaan ammoo qaala’iinsi jireenyaa saffisaan gadi bu’aa akka deemu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa kallattiin sochii maallaqaa keessatti waan hirmaataniif maddi faayiinaansii haalaan babal’atas jedhaniiru.
Itoophiyaatti namni dhuunfaan maallaqa baankiitti kuusuun yoo mijateef lafaafi mana bitachuun ala haalli inni itti invest godhu hin jiru jedhanii; gabaan kaappitaalaa kun namootni dhuunfaan walitti dhufuun invastimantii sochoosuuf dadammaqiinsa akka uumu ibsaniiru.
Keeniyaa dabalatee biyyootni gabaa kaappitaalaa dursanii eegalan dinagdee jabaa uummachuu yaadachiisanii; Itoophiyaan garuu gabaa kaappitaalaarra of qusattee turuun qaala’iinsa jireenyaa dabalatee miidhaawwan dinagdee garagaraaf saaxilamuushee dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, kana dura namni maallaqa qabu baankiitti kuufatee baankiin maallaqicha invasterootaa liqeessee dhalasaa abbaa maallaqaaf kaffala.
Gabaa kaappitaalaatiin garuu kallattiin invastimantiirratti bobba’uun bu’aan argachuun alatti bittaafi gurgurtaa kallattiif karra saaqa. Itoophiyaan kaappitaala/ qabeenya gara gabaatti hindhufne hedduu waan qabduuf gabaan kaappitaalaa albuuda dabalatee qabeenya biroon gabaa addunyaarratti daldaluuf ishee gargaara.
Aadaa lagaan walharkisuufi malaammaltummaa akka biyyaatti dagaagee jiru ilaalchisee Doktar Namarraan akka jedhanitti, mootummaan rakkoo malaammaltummaafi walharkisuu maqsuuf qaama dhimmicha to’atu Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa hundeesseera.
Daataan qabeenya gabaa kaappitaalaarratti dhiyaatu qixa sirriin hogganuufis hojimaatni diriiraa jira. Ta’us dhimmi kun dhimma guddaafi bal’aa waan ta’eef qaama dhimma kana addatti to’atu dabalataan hundeessuun barbaachisaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016