Finfinnee: Ijaarsi tarbaayinootaa Hidha Laga Abbayyaa anniisaa elektiriikii maddisiisan ji’oottan torban ittaanan keessatti akka xumuramu Gaggeessaa Hojii Olaanaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroo ibsan. Ijaarsa riqichaa dabalatee guutummaan ijaarsa pirojektichaa bara 2017tti akka xumuramu ibsame.
Injiinar Kifleen akka jedhanitti, hojjettoota halkanii guyyaa hojjetaniin hojiin ijaarsa siivilii hidhichaa %99 xumurameera. Ammaan tana hojii ijoon guutiinsa konkiriitii meetirkiyuubii miliyoona 107 ta’u keessaa dhibbantaa tokko qofatu hafe. Ijaarsi elektiroo mekaanikaalii dhaabbiin tarbaayiniifi jenereetaraa %78 xumurameera.
Akka ibsasaaniitti, tokko tokkoon yuunitii tarbaayinoota dhaabbatanii dandeettii anniisaa elektiriikii meeggaa waattii 375 maddisiisan lama yeroowwan garagaraattii hojjetamaniiru. Yuunitiiwwan tarbaayinoota anniisaa elektiriikii maddisiisanii hafan baatiilee ittaananitti hojiinsaanii raawwatama. Ijaarsi ashandaawwan hidhichaa bishaankeessa darbu %85 caaleera. Ijaarsi waliigalaa pirojektichaa %95 irra ga’eera.
Ijaarsi yuunitii tarbaayinoota anniisaa elektiriikii maddisiisanii ji’oota torba keessatti kan xumuramu ta’uu himanii; riqichoota dabalatee ijaarsa hidhichaa guutummaatti bara ittaanu akka xumuru dubbataniiru.
Ijarsi gaggeeffamaa jiru rakkoofi qormaata heddu keessa darbuun milkaa’aa jira jedhanii; hojiin ijaarsa yuunitiiwwan tarbaayinoota hafanii xumuruuf xiyyeeffannaa kennuufiin bara 2017tti xumuruuf tumsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka Injiinar Kifleetti, ijaarsi pirojektichaa dhaabbata qulqullina mirkaneessa Itoophiyaarraa badhaasa argateera. Badhaasichis adeemsa ijaarsaa hidhichaa keessatti hirmaannaan hojjettootaa taasifamuufi qaamolee deeggarsa taasisan hundaaf hamilee guddaadha.
Keessumaa hojjettoota, qaamolee nageenyaa, lammiilee qarshiifi beekumsasaaniin deeggaraa jiraniif beekamtii kan kenneedha.
Marsariitiin karaa salphaa ta’een gumaacha hidha Laga Abbayyaaf taasisuuf gargaaru www.mygerd.com jedhamu ifa ta’uus hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016