Finfinnee: Leenjiin leenjistootaa ogeeyyiin qonnaa 2,600 paakeejii misooma arfaasaafi gannaarratti kenname geengoo hiyyummaa keessaa ummata baasuuf shoora olaana qaba jechuun Biiroon Qonna Oromiyaa ibse. Leenjichis marsaa lamaan Gurraandhala 18-27 magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu sirna goolabbii leenjichaarratti argamuun haasaa taasisaniin, leenjiin leenjistootaa paakeejii misooma arfaasaafi ganna baranaaf ogeeyyii qonnaa kenname imala geengoo hiyyummaa keessa ummata baasuuf gumaacha olaanaa qaba. Hoggansi biirichaa sadarkaa naannoorraa hanga gandaatti jiru walhubachuun karoora qabame hojiitti hiikuuf gahee guddaa qaba.
Akka ibsasaanitti, karoora hiixataa bara omisha 2016/2017 ba’e hojiirra oolchuun inisheetivoota guguddoo akka naannootti qophaa’an milkeessuuf leenjiin ogeessota hafaniifi hojjetoota akkasumas qonnaan bulaa miliyoona shan biraan ga’uuf kan hojjetamu ta’a. Haala yeroo faana fayyadama teknolojii, makaanaayizeeshinii, fayyadama xaa’oo, sanyii filatamaa keessumaa qonnaan bultoota fayyadamoo taasisiuuf qonna gabaarratti xiyyeeffate taasisuun walqabatee olii hanga gadiitti hubannoo ga’aa uumuuf leenjii xiyyeeffateedha jedhaniiru.
Qonna arfaasaa lafa hektaara miliyoona 1.23 akkasumas qonna gannatti lafa duraa hektaara miliyoona 12 ol misoomsuuf karoorfamuu himanii; insheetivota 28 akka mootummaatti adda ba’an giddugaleeffachuun agiroo ikooloojii naannawaa bu’uureffachuun milkaa’ina galmeessisuuf hundu mudhiisaa hidhachuu qaba jedhan.
Hojiin kilaasteraa lafa qofaa osoo hin taanee sammuu qonnaa bulaa keessatti itichuuf hojiin hubannoo uumuu bal’inaan akka kennamus ibsaniiru. Alseerummaa guddistuu callaarratti mul’atufi dhiyeessii sanyii filatamaan walqaban maqsuun hojiitti seenanamuus hubachiisaniiru.
Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Doktar Tashoomaa Boggaalaa gamasaaniin, qonna naannichaa ceesisuuf qorannoon deggeramee omisha qonnaa gabaa, agroo ikooloojii naannawaafi kilaastaraan qotuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhanii; baay’ina ummtaa dabalaa jiru kan madaalu lafa xiqqoorratti teknolojiifi galteewwan ammayyaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa guddisuuf leenjichi gahee qabaachuu dubbataniiru. Inistitiyuutichis qorannoowwan garagaraa geggeessuuf gumaachasaa ba’achaa jiraachuu himanii; wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf sochii garagaraa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
Waajjira Qonnaa Godina Jimmaatti Ittigaafatamaan Garee Ekisteenshiniifi Agroo Bizinasii Obbo Makonnon Gammachuu leejicharratti hirmaatan teknolojii haaraa yeroo gara yerootti fooyya’u duukaa qonna ceessisuuf leenjiin fudhatan faayidaaqabeessa ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin leenjistootaa dandeettii raawwaachiisummaa cimsua, teknolojii faana tarkaanfachuun imala omishaafi omishtummaa guddisuu milkeessuu himanii; ogeeyyiin qonnaa godinichaa sadarkaan jiran leejichaaf of qopheessuu akka qabani hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016