Finfinnee: Rakkoo nageenyaa naannoo Gaambeellaa sababoota garagaraatiin yeroo boora’u maqsuun karaa guutuun tasgabbiin haala mirkanaa’urratti hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Naannichaa Obbo Chool Kuun ibsan.
Obbo Chool marii nageenyaa mootummaan federaalaa ummata naannichaa waliin tibbana magaalaa Gaambeellaatti taasise ilaalchisee Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, gaaffii ijoo ummatni kaase nageenya naannichaa waaressuudha. Naannichi waan daangaarratti argamuuf yeroowwan garagaraatti hidhattoonni Sudaan daangaa ce’anii horii saamuufi daa’imman ukkaamsanii fudhachuun rakkoo hamaa dhaqqabsiisaa turan.
Akka isaan jedhanitti, walitti bu’iinsi gosaa sababa qabeenyaafi qoodiinsa angoon Anyuwaakiifi Nuweer gidduutti yeroo garagaraa mudatuun lammiilee nagaan qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru. Gosti Anyuwaak “Lafti naannicha hedduun kan kooti” jechuun wayita gaaffii dhiyeessu gosti Nuweer ammoo “Lafti kan mootummaafi ummata naannichaati” jedhee amana. Falmii kanaan walqabatee yeroo baay’ee walitti bu’iinsi lafarratti uumama. Gosti Nuweer qoodiinsa aangootiin walqabatees yeroo baay’ee gaaffii kaasa. Ta’us qoodiinsi aangoo naannichaa haala amma jiruun haqaqabeessa.
Walitti bu’iinsa gosoota lameeniifi rakkoo hidhattoonni Sudaan uumaniin walqabatee ji’oota lama dura hannaafi saamichi naannichatti raawwatamu hamaa turuu yaadachiisanii; keessattuu magaalaa Gaambeellaatti dargaggootni hedduun baala sammuu hadoochuufi daawwaa tiraamaadoolii jedhamu kan araada hamaa nama qabsiisu fayyadamuun yakkawwan garaagaraa raawwachuurratti bal’inaan bobba’aa turuu ibsaniiru. Kanarraa ka’uun yakki ajjeechaa lubbuu magaalattiitti dagaagee akka turellee himaniiru.
Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa qindoomina mootummaa federaalaatiin oppireeshinii bal’aa taasisuun yakkamtoota hedduu waan to’annaa seeraa jala oolcheef yeroo ammaa nageenyi fooyya’aan naannichatti mul’achuu dubbatanii; marii ummataa tibbanaatiinis nageenya waaressuuf qindoominni mootummaa naannichaafi federaalaa cimee akka ittifufu kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.
Gama birootiin kanaan dura qaamni hidhatee socho’u kan Sosochii Bilisa Baasaa Ummata Gaambeellaa jedhamuun walqabatee rakkoon nageenyaa boora’aa turuu himanii; ta’us qaamni kun waamicha nagaa mootummaan taasisee fudhatee karaa nagaan Eertiraarraa biyyatti deebi’uu ibsaniiru. Qaamni kun karaa nagaan qabsaa’uuf biyya seenus ammaan tana ummata jeequmsaaf kakaasaa jiraachuun hubatamee hordoffii cimaa taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun qaamni hidhatee socho’u Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa jedhamu kan gosa Nuweer keessaa walitti baba’e Waxabajjii 10 bara 2014 hidhattoota Shaneen walta’uun magaalaa Gaambeellaatti hubaatii guddaa dhaqqabsiisuu yaadachiisanii; tarkaanfii irratti fudhatameen booda marii araaraa gara nagaatti deebi’uu dubbataniiru.
Haala amma jiruun Shanee yoo ta’e malee qaamni kun yaaddoo nageenyaa akka hintaane ibsanii; ta’us olola miidiyaan qaamni kun taasisuun dargaggootni dogoggoranii daandii badiisaatti maqaan jiraachuu eeraniiru. Hidhattoota Murillee daangaa ce’anii ukkaamsaafi saamicha raawwatan adaba qabsiisuufi buqqaatota gara qe’eesaaniitti deebisuun tarkaanfii ittaanu ta’uu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
4 Comments to “ “Nageenya naannoo Gaambeellaa karaa guutuun mirkaneessuuf hojjetamaa jira” -Obbo Chool Kuun”
Comments are closed.