Oromiyaatti daandiiwwan kiiloomeetira kuma ja’aa ol qarshii miliyoona 355 oliin suphaman

Finfinnee: Oromiyaatti ji’oota ja’an darbanitti daandiiwwan kiiloomeetira 6,100 ol qarshii miliyoona 355 oliin suphamuu Biiroon Daandiiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa beeksise. Daandii haaraan kiiloomeetira 227.6 qarshii biliyoona 1.4 oliin hojjechuus ibseera.

Hoggantuun Biirichaa Injinar Helan Taammiruu Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa akka himanitti, ji’oota ja’an darbanitti bajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa, federaalaafi Sagantaa Waliinga’iinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB)n hojii bal’aan hojjetameera. Haaluma kanaan daandiiwwan kiiloomeetira 6,100 ol qarshii miliyoona 355 oliin suphamaniiru. Daandiiwwan haaraan kiiloomeetirri 227.6 bajata mootummaa qarshii biliyoona 1.4 oliin hojjetamaniiru.

Biirichi hojii ijaarsa pirojektotaatiif hanga kurmaana 2ffaatti qarshii biliyoona 2.3 oliin raawwatamuu himanii; bara 2016tti daandiiwwan kiiloomeetiraa 1,644.32 hojjechuuf qarshiin biliyoona 2.8 ramadamuu ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan hanga ammaatti daandiiwwan kiiloomeetira 227.6 yoo hojjetaman, kanneen hafan ammoo hojiirra jiraachuu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, ji’oota ja’an darbanitti suphaa idilee bajata federaalaatiin daandiiwwan kiiloomeetira 3,473.55 qarshii miliyoona 231 oliin suphamaniiru. Suphaa daandii SWGDB bajata Sassaabbii Fandii Daandiifi bajata Aanaarraa ramadamuun hanga daandiiwwan kiiloometira 2,627 qarshii miliyoona 124 oliin suphamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun ji’oota ja’an darbanitti, ijaarsa buufataalee konkolaataa qindaa’aa saddeet giddugaleessaan 10.33 raawwachuuf karoorfame keessa giddugaleessaan 7.46 dhibbantaa (%72.2 ) raawwatamuu ibsanii; kana milkeessuufis qarshiin miliyoona 218 ol baasii ta’uu eeraniiru.

Haa ta’u malee, yeroo ammaa kana bakkeewwan gara garaatti rakkoon nageenyaafi qaala’insa meeshaalee ijaarsaatiin walqabatee hojiin akkaataa karoorfameen deemaa akka hinjirre hubachiisanii, ta’us qindoomina sadarkaan jiru cimsuun pirojektota boodatti harkifatan xumuruuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektota bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti hojjechuuf karoorfaman mariin taasifamaa jiraachuu ibsanii; rakkoo qaalaa’insa meeshaalee ijaarsaa furuuf ammoo qaama dhimmi ilaallatu waliin pirojektota tokko tokkorratti sirreffamni gatii taasifamaa jira jedhaniiru. Komii suphaa daandiin walqabatu furuufis maashinoota haaraa bituudhaan hojiitti galchuu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Oromiyaatti daandiiwwan kiiloomeetira kuma ja’aa ol qarshii miliyoona 355 oliin suphaman”

Comments are closed.