Itoophiyaan alergii abaaboorraa galii doolaarri miliyoona 225 argatte

Finfinnee: Ji’oota ja’an darbanitti Itoophiyaan abaaboo toonii kuma 46fi 939 alaatti erguun galii doolaara miliyoona 225 argachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Qindeessaan alergii Hortiikaalcharii Obbo Mokonnin Solomoon tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Itoophiyaa keessatti omishni abaaboo taatee yeroo dhiyoo ta’us hangi dandeettii omishuufi alergii biyyattii waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira.

Omisha abaaboo dabalatee lafaafi haalli qilleensa biyyattii damee hortikaalchariif daraan mijataadha kan jedhan Obbo Mokonnin; mootummaanis damichaaf xiyyeeffannoo kennuun paakeejii deggarsaa diriirsee hojjechaa jiaachuu ibsaniiru.

Kana malees, tajaajila loojistikiif bu’uuraaleen misoomaa diriirfamuufi humna namaa gatii madaalawaan argachuun carraalee biroo ta’uu himanii; kanas fayyadamummaa abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’anii daran kan dabalan ta’uu ibsaniiru.

Ji’oota ja’an darban keessatti omisha abaaboo toonii kuma 70fi 701 erguun galii doolara miliyoona 330 argachuuf karoorfamee toonii kuma 46fi 939 erguun galii doolara miliyoona 225 argachuu himanii; gabaa addunyaarratti gadibu’uun gatii abaaboofi rakkoon nageenya iddoowwan tokko tokkotti mudate haala karoorfameen raawwachuu dhabuuf sababa ta’uu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, omishni abaaboo guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti shoora guddaa taphachaa jira. Abaaboo gabaa idiladdunyaatiif erguurratti Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa keeniyaatti aanuun sadarkaa lammaffaarratti argamti. Omishaalee qonnaa Itoophiyaan gara alaatti ergitu keessaa abaaboon bunatti aanee galii guddaa argamsiisuurratti argamuudha. Hanga ammaatti dameen kanaan namoota kuma 57f carraan hojii uumameera.

Itoophiyaan omisha abaaboo baay’inaan gara gabaa biyyoota Awurooppatti ergiti kan jedhan qindeessaan kun; omisha kana yommuu ergitu sakatta’insi nuffisiisaan taasifamu yeroo dheeraa waan gaafatuuf fayyadamummaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Abaaboo Itoophiyaatif fedhiin Biyyoota Baha Fagoo daran dabalaa jiraachuus Obbo Mokonnin ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Itoophiyaan alergii abaaboorraa galii doolaarri miliyoona 225 argatte”

  1. Pingback: pgroyalbet
  2. Pingback: ชอบหี

Comments are closed.