“Injifannoon Adwaa yeroo jalqabaatiif kan ummanni guraachi warra adii ittiin injifate waan ta’eef daran ittiin boona” – Taabor Garasuu Dhukii

Finfinnee: Injifannoon Itoophiyaanotni Adwaarratti gonfatan kan ummatni gurraachi yeroo jalqabaatiif koloneeffattoota Adii itti injifatan waan ta’eef Itoophiyaanota qofa osoo hintaane, ummata gurraacha kamiifuu seenaa boonsaadha jedhan ilmi lammaffaan gooticha Dajjaazmaach Garasuu Dhukii, Taabor Garasuu.

Seenaa boonsaan Itoophiyaanotni raawwatan kun ilaalcha ‘Ummatni gurraachi warra adii mo’uu hindanda’u’ jedhus yeroo jalqabaatiif kan cabseedha. Injifannichaan walqabatee hoggansi yeroo sana ture Mootiin Minilik maaliif Xaaliyaanota Itoophiyaa qofa keessaa ari’ee Eritiriyaa keessatti dhiise kan jedhu ta’us, yeroo sanatti garuu tarkaanfiin fudhatame sirriifi kan dhimmoota gara fuula duraatti mudachuu danda’an xiyyeeffannaa keessa galcheedha jedhan.

Mootummaan amma jiru Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa barreechee ijaaruun daran kan isa galateeffachiisuudha jedhanii, Finfinneen giddugala dippilomaatotaafi magaalaa guddoo Afrikaa waan taateef, ijaarsi godambichaa seenaa ummata Itoophiyaa Afrikaanotni biraa akka hubataniifis carraa kan uumuudha.

“Anis Godambaa Itoophiyaa keessatti kabajaan taa’ee akka daaw’atamuuf uffataafi meeshaa waraana abbaakoo abbaankoo boqatee waggaasaatti gumaacheera. Akka biyyaatti seenaa gaariifi boonsaa qabnu kana sirnaan kabajaa dhaloota dhufuufis haala gaariidhaan dabarsuu qabna. Tokkummaa biyyaa eegsifnee imala dheeraaf kaayyeffachuunis barbaachisaadha” jedhan.

Faashistootni Xaaliyaanii ummata Itoophiyaa afaaniifi sabummaan addaan qoodanii bulchuuf yaalaa turan. Abbaankoo garuu yeroo sanatti hedduu dallananii, yoo waldhabdeen jiraatellee erga diina guddaa injifatanii booda akka ta’uuf ummataaf dhaamsa dabarsaa turan jechuun ibsan.

Yeroo sana Xaaliyaanotarra Ingiliizotatu hamoo turan kan jedhan Obbo Taabor Garasuu, “Yeroo sanatti loltoota hedduu kan kuma 50tti dhihaatan kan hogganu abbaakoo ture. Kanaaf waraana guddaa kana fudhattee maaliif hinfoxxoqtu” jedhanii gorsaa turan. Inni garuu dhimma fottoquufi Itoophiyaa laaffisuu waan hinqabneef olola sana hinfudhanne” jedhan.

Kanaaf Itoophiyaanotni ammas tokkummaasaanii cimsatanii biyyasaanii kunuunfachuu qabu jechuun ibsanii, Finfinneetti maqaa gooticha abbaasaaniitiin daandiinillee moggaafamuu dhabuutti komii qabaachuu eeraniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Injifannoon Adwaa yeroo jalqabaatiif kan ummanni guraachi warra adii ittiin injifate waan ta’eef daran ittiin boona” – Taabor Garasuu Dhukii”

  1. Pingback: ks quik 2000

Comments are closed.