Xaa’oo bitame keessaa kuntaalli miliyoona 7.5 gara biyya galeera

Finfinnee: Xaa’oo sadarkaa biyyaatti barana kuntaala miliyoona 19.4 bitame keessaa, kuntaalli miliyoona 7.5 biyya seenuu Ministeerri Qonnaa ibse.

Bittaafi raabsa xaa’oo baranaa ilaalchisuun Ministeera Qonnaa, Biiroleen Qonnaa Oromiyaa, Sidaamaafi Beenishaangulu Gumuz Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.

Ministeera Qonnaatti Raawwachiisaan Hojii Sabquunnamtiifi Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Laaqawu akka ibsanitti, xaa’oo barana bitame keessaa hanga Gurraandhala 6tti xaa’oo kuntaalli miliyoona 7.5 biyya keessa galeera. Rakkoolee hojmaata bittaa akka biyyaatti ture fooyyessuun bittaan xaa’oo baranaa dafee raawwachuun xaa’oo qonnaan bulaa dhaqqabaa jira. Xaa’oon bitame qixa sirriin qonnaan bulaa akka dhaqqabuuf qaamooleen dhimmi ilaalu hundi gaheesaa ba’uu qaba jedhaniiru.

Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarekterrii Fedhiifi Ittifayyadama Guddistuu Callaa Obbo Taakkalaa Qurundee gamasaaniin, fedhii qonnaa bulaa bu’uura godhachuun bittaan xaa’oo kuntaala miliyoona 8.2 naannichaaf akka barbaachisu adda ba’eera. Hanga ammaattis xaa’oo kuntaalli miliyoona 2.8 haaraa naannicha dhaqqabuu himanii; deggersaafi xaa’oo bule dabalatee yeroo ammaa naannichi xaa’oo kuntaala miliyoona 3.7 qabaachuu ibsaniiru.

Naannoon Oromiyaa qonna jal’isi arfaasaafi gannaan duraaduubaan geggeffamuuf hordofee raabsiin xaa’oo kan ittifufu ta’uu himanii; hanga ammaatti jal’isiif xaa’oon kuntaalli miliyoona 1.1 raabsameera. Qonna Arfaasaafis haaluma walfakaatuun akka itti fufu hubachiisaniiru.

Mataduree, “Mankuusaan xaa’oo qonnaa bulaadha” jedhuun, xaa’oon karaa yuuniyeeniifi waldaaleen bu’uuraa qonnaan bulaa bira ga’aa jira jedhanii; qaamoleen dhimmi ilaallatu cinatti qonnaan bulaanis mootummaan alaatti qaamni xaa’oo dhiyeessuu akka hin jirre hubachuun daldaltoota seeraan alaa olola oofanirraa akka of qusatu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Qabeenya Uumamaa Naannoo Sidaamaa Obbo Mammihiruu Mokee muuxannoo bara darbeerraa ka’uun akka biyyaafi naannootti fooyya’iinsa hojimaata dhiyeessii argamerraa ka’uun xaa’oon baranaa dursee akka naannicha dhaqqabuu ibsaniiru.Hanga ammaattis hojii hojjetameen xaa’oon kuntaala kuma 158 (%59 ) naannicha dhaqqabuu himanii; kuntaalli kuma 30 ta’u karaa waldaaleefi yuuniyeenii qonnaan bulaa akka dhaqqabu ta’eera.

Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Beenishaangul Gumuzi Obbo Babakir Haliifaa bittaa xaa’oo sadarkaa biyyaatti geggeeffamerraa xaa’oo kuntaala kuma 203 naannichaaf eyyamamuu ibsanii; hanga ammaatti xaa’oo gosa NPS kuntaala kuma 75fi 333.5fi yuuriyaa kuntaala kuma 34fi 193 waliigala xaa’oo kuntaala kuma109fi 530.5 godinaalee naannichaa dhaqqabuu dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Xaa’oo bitame keessaa kuntaalli miliyoona 7.5 gara biyya galeera”

  1. Pingback: blote tieten

Comments are closed.