Finfinnee: Injifannoon Adwaa Itoophiyaarra darbe siidaa birmadummaafi tokkummaa ummata gurraachaa mara ta’uu ta’ee Hayyotni seenaa ibsan.
Hayyootni kunneen Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, injifannoon lola Adwaa siidaa tokkummaafi birmadummaa ummata gurraachaa maraati. Icciitiin injifannichaas tokkummaan falmachuu Itoophiyaanotaa ta’ee dhalootatti darbuu qaba.
Hayyuun seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee akka jedhanitti, injifannoon Adwaa siidaa Itoophiyaanota bira taree siidaa birmadummaafi tokkummaa ummata gur’aacha maraati. Injifannoon boonsaan akkasii tokkummaan falmachuu Itoophiyaanotaan ala kan yaadamu hinturre. Kanaafuu, tokkummaan hangam murteessaa akka ta’e dhaloota ittaanuuf barnoota guddaadha.
Ka’umsi lola Adwaa walligaltee Wucaallee afaan garaagaraan hiika garaagaraa kennuusaati. Itoophiyaanonni waliigalanii birmadummaa biyyattii kan sarbu lagachuusaanitiin Xaaliyaniin bara 1888 Itoophiyaarratti Itoophiyaa weeraruuf waraana bantus ummatni tokkummaan falmachuun waaroo salphina itti uwwisuu yaadachiisaniiru.
Mootonniifi ummatni Itoophiyaa golee biyyattii arfanuurraa walitti dhufuu imala dheeraafi ijibbaachisaa taasisuun diina hanga funyaanitti hidhate biyyootti makuu danda’uu himanii; injifannoo argame kunis Itoophiyaarra darbee mallattoo birmadummaa ummata gurraachaa ta’ee galmee seenaa addunyaarratti galmaa’uu ibsaniiru.
Dhalootni ammaas tokkummaan hiyyummaarratti duulee akka injifatuuf gootummaan roga garaagaraa qabaachuusaa dhalootni akka baratuuf imaammata barnootaa keessatti hammatamuu qaba jedhaniiru.
Godambaan Yaadannoo Injifannoo lola Adwaa Finfinneetti ijaarames seenaa gumaacha gootota Adwaarratti hirmaatanii walitti qabuun dhalootni dhugaa seenaa akka hubatan taasisuun tokkummaa cimsa. Tokkummaan cimus ijaarsa sabdaneessummaa biyyaa jabeessuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.
Hayyuun seenaa Yunivarsitii Walloo Obbo Daanyaachoo Tolasaa gamasaaniin, injifannoon Adwaa siidaa tokkummaafi birmadummaa ummata gur’aachaa ta’us yeroo ammaa Itoophiyaan diina alaa ishee weeraruuf yaaddeessu hinqabdu jedhaniiru. Diinni Itoophiyaa inni cimaan yeroo ammaa hiyyumaadha.
Kanaaf, akkuma abbootiin duraanii tokkummaan Adwaarratti duulanii injifatan dhalootin ammaa hiyyummaarratti duuluun siidaa seenaa mataasaa dhaabuu qaba jedhaniiru. Kanaafis, ijaarsi Hidha Laga Abbayyaafi Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ijaarame akka fakkeenyaatti eeranii; seenaa caalu hojjechuuf nageenya mirkaneessuun itti fufuu qabas jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
2 Comments to ““Injifannoon Adwaa siidaa birmadummaafi tokkummaa ummata gurraachaati” -Hayyoota Seenaa”
Comments are closed.