Ayyaanni yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaan haala kabajasaa madaaluun har’a kabajama “Duudhaalee ijoo afran Adwwaatti fayyadamuun dirqama” -Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa har’a kabajamu ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Ergaasaaniitiinis Haadholiifi abbootiin keenya injifannoo Adwaa guddicha erga nuu kennanii waggoota 128 ta’eera. Duudhawwan Injifannoon Adwaa nuu kenne garuu sirnaan waan ittifayyadamne natti hinfakkaatu jedhan.

Yoo xiqqaate duudhaawwan Inijfannoo Adwaa afur itti fayyadamuu qabna jedhanii, isaan keessaas inni jalqabaa tokkummaa sabdaneessummaa ta’uu eeraniiru. Tokkummaan sabdaneessummaa bifa qabatamaa Itoophiyaa isa ijoo ta’uu duula Adwaarra taatee fooyya’aa seenaa ammayyaa keessatti hinrgannu jedhan.

Duudhaa 2ffaan kaayyoo biyyaalessaa isa olaanaaf jecha fedhii xixiqqoo aarsaa gochu ta’uu eeranii, warri gara Adwaatti duulan hundi sirna yeroo sana turetti kan waliigalaniifi gammadoo hinturre. Inumaa tokko tokko mootota waliin walitti bu’iinsaafi komii qabu turan. Tokko tokko immoo haala biyyaa yeroo sana tureen mufachuun diina waliin kan hojjataniis turaniiru jedhan.  Waraanni baasii wanta xiqqaaf ba’u ta’uu hinqabu. Barichi akkuma qormaata hedduu qabu, furmaata hedduus qaba jechuun ibsan.

Duudhaa 3ffaan miidhaafi icciitii waraanaa beekuudha jedhanii, waraanarratti mirgaan galamus aarsaan nama kanfalchiisu jira.

Lammiileen Adwaarratti duulan, dhimma biyyaa, birmadummaa, kaayyoo guddicha waloo itti ta’ee malee, waraanni filannoosaanii isa jalqabaa hinturre jedhan. Waraanni dirqamne kaayyoo guddichaaf qofa filannoo isa dhuma itti seennudha malee kan dafne ittigallu miti jechuunis eeran.

Duudhaa 4ffaan obsa ta’uufi obsi, qopha’ummaa malee sodaa akka hintaane kan agarsiisuudha jedhan. Itaaliin waggoota sadii oliif Itoophiyaa qoccolaa turte. Itoophiyaan qoccolloon irra gahus obsaa turteetti. Obsi humna dhaburraa kan dhufe miti. Kan caaluuf qophaa’aa waan turteefi. Hanga midhaan gahutti, meeshaan bitame hanga biyya galutti, obsaa turte jedhan.

Dhumarraa garuu obsashee Garreen Adwaarratti agarsiifteetti. Itoophiyaan har’as ni obsiti. Obsiishee waan dadhabdeef miti. Kan caaluuf qophaa’aa waan jirtuufi jechuun ibsan.

Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 128ffaa karaa yeroo sana yaadatuufi kabajasaa madaaluun har’a akka kabajamu Shuumii Ittaanaa Itaamaajoorii Waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa ibsan.

Ayyaana injifannoo Adwaa karaa kabajasaa eegeen kabajuuf hojiin haalduree dursee xumuramuus koreewwan kabaja ayyanichaa dubbataniiru.

Gabaasa koreewwan kabaja ayyaanichaa kan dhaggeeffatan Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, ayyaanni injifannoo Adwaa 128ffaan Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Piyaassaatti argamutti kabajama jedhan.

Gabaasa koreen ayyaanichaa dhiheessaniin dokumantariin fiilmii daqiiqaa 34 gootota Adwaa yaadatu, Biilboordiin, barruuleen, Loogoo, jechoonni jajjaboofi barreeffamni raayyaan hawaasa naannoo waliin irratti mari’atu qophaa’uus ibsaniiru.

Har’a, Guraandhala 23 bara 2016 agarsiisni hiriira loltuufi agarsiisonni addaddaa injifannicha yaadachiisan Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka dhihaatanis odeeffannoon Raayyaa Ittisaa biraa argame nimul’isa.

Gama biraatiin Injifannoon Adwaa agarsiiftuu tokkummaafi walooma keenyaati jedhan pirezidaantiin Waldaa Gootota Durii Itoophiyaa Lij Daani’eel Jootee.

Sagantaan xumuraa waltajjii maree sosochii nageenyaa mataduree “Adwaa nageenya waaraafi ijaarsa mootummaa cimaaf” jedhuun Ministeerri Nageenyaa dhaabbilee barnootaa olaanaatti taasisaa ture Finfinneetti kaleessa adeemsifameera.

Lij Daani’eel Jootee wayita kana ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan biyya gootaa sabdaneessaati, fakkeenyiifi tokkummaan injifannoo kun misoomaan dabalamuu qaba jedhan.

Nageenya Itoophiyaa eegsisuuf manaa kaasee hamma guutuu biyyaatti nageenyaaf waardiyyaa ta’uun akka barbaachisus ibsaniiru. Itoophiyaa sadarkaa guddinaa barbaannutti fiduuf dhaloota naamusaan qarame ijaaruun nibarbaachisa jedhaniiru.

Waldaan goootaa tokkummaan, nageenyi, jaalalliifi waliiyaaduun akka cimu hojii itti jiru cimsee akka ittifufus mirkaneessaniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Ayyaanni yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaan haala kabajasaa madaaluun har’a kabajama “Duudhaalee ijoo afran Adwwaatti fayyadamuun dirqama” -Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: foger vapes

Comments are closed.