“Sirni koleneeffattootaa duudhaa Afrikaa miidheera” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa Sanbataafi Dilbata darbe gaggeeffameen dhimma Afrikaa ilaalchisuun ergaawwan jajjaboo qondaaltotaan kan daddarban yoo ta’u, kunis olka’iinsaafi mul’achuu Afrikaaf bu’uura kan buusu ta’uu hirmaattonni nidubbatu.

Afrikaan hiree ofii ofiin murteeffachuufi rakkooshii ofumaaf akka furattuuf cichoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dura taa’aan Gamtaa Afrikaa haaraan Mohaammad Awliid dubbatan.

Pirezidaantiin Moriitaaniyafi dura taa’aan gamtichaa Mistar Mohaammad Awuliid haasaa tasisaniin Afrikaan hiree ofii ofiin murteeffachuu qabdi jedhan.

Yoo dhimmi Afrikaanotaa Afrikaanotumaan furamaa hindeemne gidduseentummaan biyyoota lixaa balaafamaa ta’uu ibsaniiru. Hudhaan gidduseentummaan Afrikaa miidhaa jiru tokkummaa keenyaan diigamuu qaba jedhanii, kanaafis kutannoon murteessaa ta’uu eeraniiru. Dhimmi kun dhimma filannoo hinqabne ta’uus himanii, Afrikaa tokkoomte ijaaruuf hawaas dinagdeefi siyaasaan waliin hojjechuun aadeffamuu akka qabu dhaamaniiru.

Afrikaan qaroomina addunyaatiif galtee taatee dhiibbaa koloneeffattoonni irraan gahaniin guddinnishii harkifateera kan jedhan ammoo Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadi.

Qaroominnni, beekumsiifi dandeettiin Afrikaanota darbanii dhiibbaa qaqqaabaa tureen diigamaa deemuun ilaalchi biyyoota lixaa nudhuunfateera jedhanii, guddinni keenya akkaataa barbaadameen tarkaanfachuu hindandeenye. Kaleessa gaafa turre amma eegee ta’uun dhiibbaa koloneeffattoonni qaqqabsiisanirraa kan maddeedha jechuun ibsaniiru.

Hudhaa kana hundeerraa furuuf Afrikaan gamtoomuufi, tokkoomuun dhimmashii ofumashiin furachuu qabdi jedhanii, kanaafimmoo dameelee barnootaa, saayinsiifi teknolojiirratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

“Sirni barnootaa keenya kan warra lixaarraa kan waraabameedha. Kunimmoo damee barnootaa keenya hubeera. Afrikaanonni sirna barnootaa mataa keenyaa qabaachuu qabna. Qaroominaafi duudhaa keenya bade deebisuun Afrikaa tokkoomte saayinsiifi teknoolojiin badhaate ijaaruun murteessaadha” jedhan Doktar Abiyyi.

Gama kanaan Itoophiyaan jalqabbii gaariirra jiraachuu eeranii, barnoonni ammallee dhimma ijoo xiyyeeffannoo argachuu qabuudha jedhan.

Sagaleen Afrikaanotaa addunyaarratti akka dhagahamuuf murteessuu keessattis hirmaannaan akka jiraatuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru jajjabeessaa ta’uullee yaadachiisanii, ammas gama hawaas dinagdeefi siyaasaanis cimee ittifufuun ka’umsi Afrikaa akka dhugoomu taasisuuf hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Itoophiyaa Sahaalawarqi Zawudees gamasaaniin Afrikaan eeggattummaa jalaa bahuuf wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu qabdi jedhan.

Ardii wabiin nyaataa keessatti hinmirkanoofne qabannee dhaloota dhufu hiyyummaa keessaa baasuun hindanda’amu jedhanii, qonna keenya ammayyeessuun, barnoota ammayyaa babal’isuun saayinsiifi teknolojiin deeggaruun wabii midhaan nyaataa keenya mirkaneessuun nurraa eegama jechuun ibsan.

Kanaafuu, dameelee hundaan cichoominaan hojjechuun biyya ofii jijjiiruuf hunduu tumsuu akka qabuufi mul’anni Paan Afrikaanizimii qabatamaan dhugoomuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ “Sirni koleneeffattootaa duudhaa Afrikaa miidheera” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: โคเวย์
  2. Pingback: site
  3. Pingback: sex hiep dam
  4. Pingback: useful content
  5. Pingback: linked here

Comments are closed.