“Guddina dinagdee yaadame milkeessuuf rakkoon nageenyaa furamuu qaba” -Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa (Hayyuu dinagdee)

Finfinnee: Guddina dinagdee yaadame milkeessuuf rakkoo nageenyaa mul’atu hatattamaan furuu akka barbaachisu  hayyuun dingdee Yunivarsitii Finfinnee, Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa ibsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) tibbana gaaffiilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf wayita ibsa kennan, barana dinagdeen Itoophiyaa dhibbantaa 7.9 akka guddata dubbachuunsaanii ni yaadatama. Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas dhimma kanarratti hayyuu dinagdee Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa waliin turtii taasiseera.

Akka isaan jedhanitti, guddina dinagdee eegamu milkeessuuf rakkoo nageenyaa furuun hojii dursaa ta’uu qaba. Kunis tasgabbiin omisharratti bobba’uu qofa osoo hintaane guddistuu callaa qonnaan bulaa biraan ga’uu nageenyi murteessaadha. Omishaalee qonnaas gabaatti baasuuf nageenyi jiraachuun dirqama. Keessumaa naannoleen akka Oromiyaafi  Amhaaraa omishaafi omishtummaan beekamanitti nageenyi bu’uun omishtummaa dabaluun gabaa biyya keessaa tasgabbeessuufi sharafa guddina dinagdee utubu maddisiisuuf gumaata olaanaa qaba.

Dhabbileen liqeessitootaa biyya keessaas ta’e alaa liqiin taasisan nageenya keessoorratti hundaa’a kan jedhan hayyichi, yaaddoo xiqqeessuun liqa barbaachisu argachuuf nageenya waaressuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Laafuun olaantummaa seeraa gufuu guddina dinagdee biyyattiiti jedhanii, mootummaan olaantummaa seeraa bakkawwan hundaatti kabachiisuun sochii dinagdeefi hawaasummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa addaan hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.

Ammaan tana gatiin shunkurtii qarshii 120  ta’uun omishni  dhabamee osoo hintaane gabaaf dhiyaachuurratti uggurri jiraachuu dubbatanii; olaantummaan seeraa kabajamuu baannaan dhaabbileen tajaajila kennan kanneen akka geejjibaa, baankii, inshuraansiifaa tajaajila si’ataa kennuu akka hindandeenye hubachiisaniiru.

Nageenyaan alattis rakkoo bulchiinsa gaarii kanneen akka malaammaltummaa dhaabbilee mootummaa keessaa, harkifannaan tajaajila gumurukaan, addaan ciccituu humna ibsaafaan guddina yaadame milkeessuuf furamuu akka qaban eeraniiru.

Sababa rakkoolee eeraman kunneeniif omishaafi omishitummaan akka hindaballe dhaabbilee omishaa garaagaraa 200 irratti qorannoo geggeessanii adda baasuu ibsanii;  kanaaf gufuwwan guddina dinagdee furuun guddina yaadame milkeessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, tarsimoo qonna qamadii bonaa yeroo ammaa eegalamee hojiirraa oolaa jiru gosoota omishaa naannawaa gammoojjiitti argaman kanneen akka boqqolloo, boobee (caabbii) irratti dabaluuf hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You

2 Comments to ““Guddina dinagdee yaadame milkeessuuf rakkoon nageenyaa furamuu qaba” -Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa (Hayyuu dinagdee)”

Comments are closed.