Jimma: Godina omisha qonnaa waliigalaatiin milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jiru

Jimma: Godinni Jimmaa omisha bunaa qofaan utuu hintaane yeroo dhiyoo as omishaalee dammaa, qamadii bonaa, ruuziifi baala shaayiitiinis daran beekamaa dhufeera.

Ittigaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa Obbo Mahaammad Xahaa Abbaafiixaa garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa gara garasitti imaletti akka himanitti, omishaafi omishtummaa qonnaa sadarkaa olaanaan guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuun omishaalee qonnaa alatti ergaman guddisuun, omishaalee qonnaa alaa galan hir’isuufi carraa hojii bal’aa uumuun hojii akka naannoottis ta’e godinichaatti xiyyeeffannaa argatee hojjetamaa jiruudha.

Godinni Jimmaa lafa waliigalaa heektaara miliyoona 1.8 kan qabu ta’uufi omisha qonnaa kamiifuu mijataa ta’uu himanii, barana lafa heektaara kuma 841 qotame keessaa lafti heektaara kuma 235 omisha ruuziin uwwifamuu eeraniiru.

Omishni ruuzii godinichatti bara omishaa 2013/14 lafa heektaara kuma lama hincaaleefi aanaalee afuritti kan jalqabame ta’uu himanii, omishni kun bara omishaa 2014/15 gara lafa heektaara kuma afuriitti guddachuufi aanaalee 12tti babal’isuun danda’amuu ibsu. Bara omishaa 2015/16tti ruuziin lafa heektaara 235 irratti kan omishame ta’uus eeranii, godinichi yeroo ammaa madda sanyii ruuzii ta’uus himaniiru.

Godinichatti omishni qamadii bonaa bara 2012 lafa heektaara 50 irratti jalqabamuu himanii, barana lafti heektaara kuma 44 omisha qamadii bonaatiin uwwifamuu dubbatu. Godinichatti lafa heektaara tokkorraa callaan ruuzii kuntaala 130, akkasumas lafa heektaara tokkorraa qamadii kuntaala 83 argamuus beeksisaniiru.

Godinni Jimmaa qabeenya bosonaa bal’aa waan qabuuf omisha dammaatiinis ni beekama kan jedhan Obbo Mahaammad, bara 2013 “Oromiyaa galaana dammaa ni goona” jedhamuus kan labsame godinichumatti ibsu.

Godinichi bara 2013 oggaa gara hojii kanaatti seenu gaagura ammayyaa 62 kan qabu ta’uu himanii, baruma sana gaagura ammayyaa kuma 13 qonnaan bultootaaf dhiyeessuu dubbatu. Bara 2014 gaagura ammayyaa kuma 62, bara 2015, gaagura ammayyaa kuma 84fi barana ammoo ji’a ja’a keessatti gaagura ammayyaa kuma 167 qonnaan bultootaaf kan dhiyeessuu ibsaniiru.

Qorqnnoo adeemsisaniin gaagura aadaa tokko keessaa damma kiilogiraamii torbatu argama kan jedhan Obbo Mahaammad, anaalee akka Geeraafi Sigimoo, Shabee Somboo bakka omisha dammaatiin beekamanitti gaagura ammayyaa tokko keessaa dammi kiiloogiraama 93 argamuu himaniiru.

Giddugaleessaan gaagura ammayyaa tokko keessaa dammi kiiloogiraamni 33 argamaa jiraachuus eeranii, barana akka godinichaatti dammaa toonii kuma 54 argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kana keessaa tooniin kuma 10 alergiif akka oolu ibsaniiru.

Omishaafi omishtummaa aannanii guddisuuf sanyii loowwanii fooyyessuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himanii, barana aannan liitirii biiliyoona 1.5 argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuufi ji’oota ja’a darbanitti aannan liitirii miliyoon 560 argamuu ibsaniiru.

Jimmi bakka argama bunaa ta’us kanaan dura bunnisaa gabaa addunyaarratti hinbeekamu ture kan jedhan Obbo Mahaammad, buna godinichaa ‘Brand’ gochuuf raawwatamaa tureen yeroo ammaa bunni naannawa Magaalaa Jimmaatti argamu Buna Jimmaa, kan naannawaa Limmuutti argamu Buna Limmuufi kan naannawa Aggaarootti argamu Buna Kattaa Mudhuggaa jedhamee beekamtii argatee gabaa addunyaaf dhiyaachaa jiraachuu dubbatu.

Barana akka godinichaatti buna toonii kuma 205 alaatti erguuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus himanii, kana keessaa tooniin kuma 75 gara biyya alaatti ergamuu beeksisaniiru.

Godinichatti omishni biqiltuu baala shaayii dhuma bara 2014 jalqabuu himanii, bara darbe biqiltuun baala shaayii miliyoona 1.1 dhaabamaniiru. Baranas biqiltuu baala shaayii miliyoona 136 lafa heektaara kuma 10 irra dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Jimma: Godina omisha qonnaa waliigalaatiin milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jiru”

  1. Pingback: sex tre em

Comments are closed.