Finfinnee: Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa akkuma maqaasaa Itoophiyaarra darbee ummata gurraacha hunda boonsuu ijaarsisaa xumuramee eebbaaf qophaa’ee jira.
Doktar Abiyyi, “Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa lammii Itoophiyaa namni biyyoota Afrikaa birooyyuu yoo yeroo fudhatee ilaale carraan itti irratti falmu, jibbuufi busheessu hinjiru” jechuun guddummaafi hundagaleessummaasaa ibsaniiru.
“Godambichi hangasaatiin daran kan nama boonsu, qabeenya seenaa qabateenis daran gammachiisaafi hundammataadha. Yaadannoon Injifannoo Adwaa hunda kan agarsiisuufi biyya, gareefi matayyaa walaba ta’uu barbaadu kamuu seenaa fakkeenyummaan barsiisu kan qabuudha” jechuunis kuufama seenaa Godambichi hammate hubachiisaniiru.
Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa haala kanaan ibsame kun boru, Guraandhala 3 bara 2016 kan eebbifamu yoo ta’u, godambichi seenduubee Injifannoo Adwaa ka’umsa godhatee Finfinnee, fuullee Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee (Mana Qopheessaa)tti ykn Ejersa Gooroo (Piyaasaa)tti ijaarameedha. Godambichi haala gootota Itoophiyaafi teessuma naannawa Adwaa sirriitti ibsuun kan saxaxame ykn dizaayin ta’eedha.
Godambichi bilookiiwwan 11 qabatee lafa hektaara shan yommuu ta’u, oleesaa dabalatee lafa hektaara 12 irratti kan ijaarameedha. Keessoosaatti fakkoommii tulluu Adwaa akka funcaa walqaqqabatan, yaadannoo abbootii fardaa Adwaa, yaadannoo dubartoota goototaaf moggaafame, wiirtuu tokkummaa, yaadannoo bilisummaa Afrikaa akkasumas godambaa imala gootota Itoophiyaa agarsiisu qaba.
Godambichi haala tajaajiloota damdaneessa kennuu danda’uun kan ijaarame yoo ta’u galmoota adda addaa altokkotti namoota 300 hanga 4000 keessummeessus qaba.
Godambichi gama seenaa kaa’uufi ittifufsiisuutiin xiyyeeffannaa olaanaadhaan kan hojjetame yoo ta’u, faayidaansaas daran olaanaadha. Bulchiinsi magaalichaas kanuma yaada keessa galchuun hojicha jalqabsiisee xumursiiseera.
Godambichi caalaatti injifannoo Adwaafi gootota yeroo waraanichaa aarsaa ta’an kan yaadachiisu, gootummaa kanas addunyaatti beeksisuufi yaadachuuf yaadamee kan ijaarame yoo ta’u, haala daaw’attootaaf mijatuun daran kan miidhagfamedha.
Godambaa guddichi waa’ee kaleessaafi har’aarra tarree Itoophiyaan egere maal fakkaachuu qabdi jedhamee ogummaa damee ijaarsaatiin, dameewwan aadaafi misooma ittifufsiisuutiin addunyaa keessaa maal fakkaatti jedhu sirriitti hubachuu daran kan gargaaruufi agarsiisuudha.
Manni marii bulchiinsa magaalichaafi waajjiirrisaa godambicha keessa ta’a. Bulchiinsa magaalaatiifis galmi guddichi godambichatti ni argama.
Godambaan kun dandeettii konkolaattota kuma tokko akka qabatu taasifamee kan hojjetameedha. Pirojektichi egaa haala taateewwan Adwaa yeroo labsiin ittarii (kitat) labsamerraa kaasee jiran hunda ibsuu danda’uun kan ijaarameedha.
Yeroo waraanaa sana hirmaannaan dubartootaa olaanaa waan tureef kunis akka sirriitti yaadatamuuf haalota addaatiin ibsamaniiru. Naannoonsaas akka Adwaa akkaatuuf fakkeenyaaf tulluuwwan Adwaa girgiddaa (keenyan) irratti akka mul’atan gochuudhaan ogummaadhaan ibsamaniiru.
Keessoon godambichaa meeshaalee teknolojii sadarkaasaanii eeggataniin kan hojjetameedha. Dibbeen (miidiyaan) yeroo duula waraanaa Adwaa waamichi ittarii taasifameenis ogummaa addaatiin miidhageeti godambichatti kan hojjetame. Bitaa mirga dibbee hojjetameetti ammoo bocni haala kufaatiifi waraana goototaa agarsiisu bareechee mul’ata.
Gaalariiwwan hojiilee artiis godambichatti iddoo guddaa argataniiru. Adeemsonni yeroo waraanichaa turan marti haala gaariidhaan ibsamanii mul’atu. Iddoon agarsiisiwwan adda addaa ittidhihaatanis nijiru.
Bakki guyyaan yaadannoo Adwaa ittikabajamus bakkuma dibbeen argamu kanatti kan qophaa’e yoo ta’u, bakki teessumaa namoota ayyaanicharratti hirmaataniis danaa teessumaa istaadiyemii qabatee miidhaginaan hojjetameera.
Godambichi manneen sinimaa, laayibirarii, jimnaaziyemii, deeykeer (iddoo daa’imman ittikunuunfaman), suuqiiwwan adda addaa qaba. Gubbaasaarratti bakka magariisa bashannanaaf oolu, kaafteeriyaafi reestoraantii guddichas qaba.
Godambaa seenaqabeessi kun caalaatti Itoophiyummaa, mallattoo walfaana hojjechuufi cichuuti. Godambichi Finfinnee saffisaafi kalaqaan guddataa jirtuuf miidhagina addaa dabaluudhas. Magalattiif qofa otoo hintaane biyyaafis fakkeenya addaa ta’ees tajaajiluudhas.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016
2 Comments to “Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa boru eebbifama”
Comments are closed.