Finfinnee: Kana booda Itoophiyaatti kaardii filannootiin ala afaan qawweetiin gara aangootti dhufuun akka hin yaadamne Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad beeksisan.
Doktar Abiyyi yaa’ii 6ffaa bara hojii 3ffaa walga’ii idilee 14ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti argamuun gaaffilee dhimmoota garagaraarratti miseensotarraa dhiyaateefiif wayita deebii kennan akka jedhanitti, kanaan booda filannoo ummataatiin malee afaan qawweetiin aangoo qabachuun hinmilkaa’u. Itoophiyaatti yaada mo’ataa gurmeessanii filannoo ummataatiin aangoo qabachuurra waggoota 50n darban afaan qawwee filannoo taasifachuun gufuu nageenya biyyattii ta’aa tureera. Waldhabbii mariin furuun hafee humnaan obboleessi obboleessa ajjeesuun bu’aan argamu hinjiru.
Qawwee hidhachuun sabasaanii hiraarsaa nan qabsaa’a jechuun adeemsa hiika hinqabnedha kan jedhan Doktar Abiyyi; qabsoo Shaneen Oromiyaa keessatti taasisaa jirus kanuma. Ta’us kanaan booda afaan qawweetiin aangoo qabachuun hin yaadamu jechuun hubachiisan.
Akka isaan jedhanitti, Shaneen waliigaltee Asmaraatti taasifame mootummaan guutuu dhabnaan ummatni Oromoo nagaafi misooma dhabnaan yoo qabsoof bosanatti gale ta’e, ummata danquun, saamuun, misooma dhorkuufi konkolaataa gubuun ummata Oromoof faayidaa fidu hinqabu. Qabsoon akkasii ulaagaa kamiinuu qabsoo ta’uu hindanda’u. Ummatni Oromoo kan isa hiraarsu osoo hintaane qabsoo karaa nagaatiin misoomaafi dimokraasii kan isaaf gabbisu barbaada.
Marii ummata naannoo Amaaraa waliin taasisaniin ummatni gaaffilee ijoo sadii jechuunis misooma, heerri akka fooyya’uufi dhimma daangaa ta’uu yaadachiisanii; mootummaan gaaffii misooma naannichaa deebisuuf waantota hedduu dalaguu ibsaniiru. Laga Abbayyaarratti qarshii biliyoona 2.4 baasuun riqicha sadarkaa biyyaatti hin yaadamne ijaaruun ala pirojektii Gorgoraa sadarkaa idiladdunyaa madaaluun hojjechuun akka danda’ames eeraniiru.
Gaaffileen heera fooyyessuufi daangaan walqabatu marii biyyaalessaatiin furmaata argata amantaa jedhu akka qabanis himanii; gaaffii daangaan walqabatee ummatni Amaaraafi Tigraay tokko waan ta’aniif gaaffiin waliigaltee ummattoota lameeniin akka furamu fedhii mootummaa federaalaa ta’uu ibsaniiru. Gaaffichi marii bal’aan haala obbolummaafi ollummaa waaressuun furuu barbaadas jedhan.
Tigraayitti waliigaltee Piriitooriyaa booda bulchiinsa yeroo naannichaa waliin dhaabbilee tajaajila hawaasummaa hojii eegalsiisuun dabalata warshaalee 217 gara hojiitti deebisuu himanii; baankiin biyyaalessaas tajaajila faayinaansiif qarshii biliyoona 10 ramaduu ibsaniiru.
Nageenya biyyattii waaressuuf mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee ittifufa. Namoota gara nagaatti deebi’an harka bal’isee simata. Carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatee hojjeta. Cabiinsa imala bulchiinsaa keessatti uumamaniif beekamtii kennuun egereen biyyattii seenessa waloon akka yayyabamtu cimee hojjeta jedhan.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016
6 Comments to ““Itoophiyaatti filannoon malee afaan qawweetiin aangoo qabachuun hin yaadamu”- Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”
Comments are closed.