“Daandii nageenyaan ala abjuun aangoo qabachuu kamuu hinmilkaa’u” – Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Daandii nageenyaatiin ala wixxirfannaan shira adda addaatiin aangoo qabachuuf taasifamu kamuu kan hinmilkoofne ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi Kamisa darbe wayita gaaffii Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateefiif deebiifi ibsa kennanitti, walitti bu’iinsa dhaala ta’ee dhaloota har’aa sakaalaa jiru mootummaan mariin goolabuuf har’as karrisaa banaa ta’uu qofa osoo hintaane kutataa ta’uu himanii; mariifi marabbaan ala wixxirfannaan shiraan aangoo qabachuuf taasifamu kamuu abjuu ta’uu hubachiisaniiru.

Walittibu’iinsi dhibee barootaa daawwaa dhabee biyyaafi dhaloota rakkoo hamaaf saaxilaa jiru ta’uu kaasanii; dhalootni har’aa isa kaleessaarraa barachuun hafee waan ta’uufi hintaaneef obbolaan walajjeesuun salphataa jiraachuu ibsaniiru.

Jijjiiramaa as guddummaafi maqaa gaarii Itoophiyaa ol kaasuuf hojii hojjetameen kadhaa qamadii keessaa ba’uu qofa osoo hintaane wayita jijjiirama rogawwan maraa keessa jiramu kanatti taatee xixiqqoon jijjiirama mul’ate cilee dibuuf yaalan bal’inaan calaqqisaa jiraachuu eeraniiru.

Ammaan tana abbootiin gowwootni tokko tokko humna qabaniifi hinqabne fayyadamuun mootummaa fonqolchanii aangoo qabachuuf wixxirfachaa jiraachuu eeranii; ta’us rifoormii jabaan waan hojjetameefi seerri dhaabbatummaa waan lafa qabateef kanaan booda fonqolchi mootummaa akka hin milkoofne hubachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ummatni Oromoos ta’e Amaaraa jijjiirama har’a argameef gumaata guddaa waan qabuuf mootummaa jijjiiramaa waliin jiraachuu hirmaannaa hojiilee misoomaafi nageenyaan ragaadha jedhanii; ta’us Shaneefi Finxaaleyyiin ilaalcha moggaatti ba’e qaban rakkoo uumaa jiraachuun dhimma hinhaalamne ta’uu hubachiisaniiru.

Shaneen ilaalcha Oromiyaan alatti naannolee biraa moggeessu qabatee, Finxaaleyyiinis kaan moggeessuun ilaacha “Itoophiyaan dhaala abboota keenyaati” qabatanii osoodhuma isaanif milkaa’ee aangoo qabataniiyyuu yoo biyya walnyaachisan malee biyyi bulchan akka hinjirre Doktar Abiyyi cimsanii ibsaniiru.

Olala “Bosona seeni”fi “Bosonatu si waama” jedhuun dargaggoota hojjetanii ofis biyyas jijjiiruu danda’an dogoggorsanii bosonatti oofuu ibsanii; “Namatu galmikoo mooraa kiiloo 4 jedhee daandii gadhiisee bosona gale malee jijjiiramni hunda waameera” jedhaniiru.

Mootummaan waldhabbii naannolee Amaaraafi Oromiyaatti mudatan mariin furuuf Shaneefi Finxaaleyyii waliin carraaqqii hedduu taasisuu yaadachiisanii; lolli Itoophiyaa kaabaa osoo hinmudatinis, waldhabbii ‘TPLF’ waliin ture mariin furuuf yaaliiwwan hedduun taasifamuu dubbataniiru.

Hundaa ol, waldhabbii dhaalaan dhufetti guduunfaa gochuuf mariin biyyaalessaa walabaafi hunda hirmaachise akka taasifamu komishinii hundeessuun kutannoo nageenyaaf qabu mul’isuus himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You