Wixineen labsii qabeenya deebisiisuu qophaa’e sochii dinagdee seera qabeessa uumuun alseerummaa hambisuuf gargaara

Wixineen labsii qabeenya deebisiisuu qophaa’e sochii dinagdee fayyaalessa ta’eefi seera qabeessa ta’e uumuun al seerummaafi yakka mudatu hambisuuf kan gargaarudha.

Wixineen labsii qabeenya deebisiisuu qophaa’e sochii dinagdee fayyaalessa ta’eefi seera qabeessa ta’e uumuun al seerummaafi yakka mudatu hambisuuf kan gargaaru ta’uu Ministirri Haqaa Doktar Gedi’oon Ximootiwoos beeksisan.

Ministeerri Haqaa ministeera tajaajila kominikeeshinii mootummaa waliin ta’uun wixinee labsii qabeenya deebisiisuurratti waloon ibsa kennaniiru.

Ibsicha Ministira Haqaa Doktar Geediyoon Ximootiwoosiifi Ministir Deetaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawwiit Kaasaatu kenne.

Barbaachisummaa fi kaayyoo wixinee labsii kanaarratti ibsa kan kennan Ministirri Haqaa Doktar Geediyoon Ximootiwoosi wixineen kun qabxiilee gurguddoo afur irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Jalqabatti yakkoonni dinagdee baay’achaa dhufuun namoonni qabeenya argachuuf yakka keessatti hirmaachuufi yakkaan bu’aan akka hin argamne barsiisuuf ta’uu.

Laffaa immoo qabeenya deebisiisuun wal qabatee labsiiwwan kana dura tureen qabeenyi akkamiin to’annoo jala oola? akkamiin deebi’a kan jedhu bifa bittinnaa’een jiraachuufi kunis raawwii isaarratti harcaatii waan uumuuf labsiiwwan kanneen gara tokkotti fiduun to’annoofi hordoffiif akka toluufi hammattuun seeraa fulla’aan akka jiraatuuf yoo ta’u inni sadaffaan immoo qabeenyi maddisaa hin beekamne hammattuu seeraan furmaata akka argatuuf yaadamee ta’uufi yeroo ammaa qabeenya maddisaa hin beekamne horachuu,sirni galmeessa qabeenyaa dhugaarratti kan bu’uureffate ta’uu dhabuufi isa kana hambisuun kiraa sassabdummaafi malaammaltummaa hir’isuun seera qabeessummaa dagaagsuuf ta’uu ibsaniiru.

Kayyoon arfaffaa wixinichaa hammattuu seeraa idil addunyaa akka qabaannuuf kan nu gargaaru ta’uu eeranii kunis sochii dinagdee fayyaalessa ta’eefi seera qabeessa ta’e uumuun al seerummaafi yakka mudatu hambisuuf kan gargaruudha jedhaniiru.

Wixineen kun yakkoota raawwatan yakka namaan daldaluu, daddabarsa meeshaalee waraanaa, kontirobaandiifi yakkoota gara garaa raawwatan irratti irra jireessa kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Akkasuma Diyaaspooraan biyya alaa jiran kanneen hojjetanii maatiifi biyya isaanii tajaajilan kan hin hammatneefi warreen maqaa diyaaspooraan daldalaniifi yakkoota keessatti qooda fudhatan irratti ni xiyyeeffata jedhaniiru.

Seerri kun waggaa 10 duubatti deebi’uun kan hojiirra ooluufi hammi qabeenya horatamee miliyoona 10 ol ta’uu wixineen labsii qophaa’e ni mul’isa.

Walumaa galatti seerri kun warra osoo hin hojjetiin qabeenya hawaasaa, mootummaa akkasuma qabeenya biyyaa saaman irratti kan xiyyeeffatudha. Qabiyyeen seeraa kun kutaawwan 8 fi keeyyata xiqqaa 57 kan of keessaa qabudha.

Wixineen kun yeroo qophaa’u muuxannoo biyya keessaafi alaa fudhachuun ogeessotaan waggaa tokkoof qorannoon gaggeeffamuun kan qophaa’e jedhaniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You