Finfinnee: Oromiyaatti bara kana hojiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biliyoona 4.95 dhaabuu Godina Qellem Wallaggaatti eegalame.
Sadarkaa biyyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuwwan biliyoona 25 dhaabbatan keessaa harki caalu Oromiyaa keessatti kan dhaabamaniidha.
Dhimmi biqiltuu dhimma biyyaafi dhalootaa ta’uun amanamee rakkoo jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf qormaata hamaa ta’aa jiru maqsuuf Oromiyaatti xiiqii guddaan hojjetamaa jira.
Ongeen Booranaafi Naannoo Sumaaleetti lubbuu beeyiladootaa kumaatama galaafateefi miliyoonota beelesse abaarsa Rabbii osoo hin taane taatee jijjiirama haala qilleensaati.
Rakkoo jijjiirama haala qilleensa gocha dhala namaan dhala namaa galaafatu kana maqsuuf falli waaraan biqiltuu dhaabuu akka ta’e mootummaan jijjiiramaa hubatee jira.
Naannoon Oromiyaa hunda dursee tibba darbe dhaabbii biqiltuu godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qileetti tokko jedhee eegaleera. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaas saganticharratti haasaa taasisaniin, jijjiirama haala qilleensaa maqsuuf dhaabbii biqiltuun uwwisa bosonaa dabaluun cimee ittifufa jedhaniiru.
Dhiqama biyyee ittisuufi jiidhina qilleensaa harkisuuf Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.
Haaluma kanaan bara 2011 dura uwwisni bosonaa Oromiyaa dhibbantaa 17 ture ammaan tana gara dhibbantaa 27tti ol guddisuu danda’uu himanii; bara kana lafa biqiltuun irra dhaabamuuf karoorfame hektaara miliyoona 1.29 keessaa dhaabbiin biqiltuu lafa hektaara kuma 814 fakkii saatalaayitiin kan deeggaramu akka ta’es ibsaniiru. Biqiltuu dhaabamu keessaa dhibbantaan 10 nyaataaf kan oolu ta’uus eeraniiru.
Dhaabbiin biqiltuu Oromiyaa Dhiyaatti kan eegalameef qaama sochii Oromiyaa Dhiyaa giddu gala nageenyaafi badhaadhinaa taasisuuti jedhanii; ummatni kallattii kana jirus hojii nageenya waaressuun tumsuu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltuu biliyoonni 5.5 qophaa’uu eerani; dhaabbii biqiltuu biliyoona 4.95f boolli biqiltuu miliyoona 1.3 hanga ammaatti qophaa’uu yaadachiisaniiru.
Bara 2011 kaasee naannichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuun biliyoona 18.6 dhaabamuu eeranii; biqiltuu dhaabbatan kana keessaa dhibbantaa 88.5 qabachuu ibsaniiru. Bakkeewwan bosonni irraa manca’ee ture dhaabbii biqiltuu kanaan bayyanachaa akka jiranis dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016