Kan nagaa fedhuuf karri nagaa ammayyuu banaadha

Itoophiyaaf nageenyaafi misoomni dhimma jiraachuufi jiraachuu dhiisuu waan ta’eef tolaanis ta’e lolaan nageenya waaressuun dhimma boriif dhiifamu miti. Bakka nageenyi hin jirretti abjootanii dhugoomsuun, qotanii galfachuun, daldalanii buufachuun haa hafuutii waan harkaa qaban fayyadamuun rakkisaa akka ta’e waggoottan shanan darban ilaaluun gahaadha.

Rakkoo nageenyaa akka biyyaatti mudateen hunda caalaa kan hubameefi misoomaan danqame Oromiyaa yoo jedhame dubbii harbeessuu hin ta’u. Nageenyi akka waara’uuf mootummaan biyyattii ABO Shanee dabalatee qaamota hidhatan waliin marii nageenyaa taasisaa turus sadarkaa yaadameen bakka hundatti milkaa’eera jechuun nama rakkisa. ABO Shanee waliin marsaa lamaaf biyya Taanzaaniyaa dhaqus sadarkaa yaadametti milkaa’uu hin dandeenye.

Marii kana duras mootummaa naannoo Oromiyaa akka aadaa Oromootti mufii ABO Shaneen qabu furuuf gama Abbootii gadaa, Haadholii Siinqeefi Jaarsolii biyyaa carraaqqii hedduu taasisaa tureera. Dargoggootni beekaniis ta’e osoo hin beekin gartuu kanatti makaman kumaatamaan gara nagaatti deebi’aniiru.

Kanneen mataa jabaatanii bosonatti cichanirratti ammoo tarkaafiin olaantummaa seeraa fudhatamaa jira. Haaluma kanaan tibbana Godina Shawaa Kibba Lixaatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu Humni Waloo fudhachaa jiruun, Bireenii dabalatee meeshaaleen waraanaa hedduu booji’amuu ibsameera.

Tarkanfii Qindoomina Humna Waloon olaantummaa seeraa kabachiisuu yeroo garagaraatti fudhatamaa tureen meeshaaleen waraanaa Bireenii, Isaayippaarii, ‘manastirii’ waraanaa dabalatee kanneen biroo booji’ame. Bifuma walfakkaatuun Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti miseensonni ABO Shanee hojii Shororkummaa hojjetaa turanitti gaabbuun harka kennataniiru.

Akka waliigalaatti, tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu garee shororkeessaa kanarratti fudhatamaa jiruun miseensonni garichaafi deeggartoota isaa hedduurratti fudhatamaa jiruufi kanneen biroo hedduun waamicha nagaa mootummaan taasifame fudhachuudhaan karaa nagaan harka kennataa jiraniin haalli nageenyaa fooyya’insa guddaa agarsiisaa jira.

Rippoortara Gaazeexichaan

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You