Ityoophiyaan qoricha omishtee gara biyyoota 30 olitti ergaa jirti

Finfinnee: Osoo akka ammaa teknooloojiifi barnoonni hinbabal’atiin dur namoonni dhibeefi balaa isaan mudateef manumatti biqilootaafi wantoota naannoosaanitti argamuun fala itti kennu.

Hedduun qorichoota ammayyaa yeroo ammaa itti dhimma bahamaa jirus irra jireessi biqiloota akka ta’e ogeeyyiin damee kana ni dubbatu.

Ministirri Muummee Dokatar Abiyyi Ahmadis tibbana ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin bara duriirraa eegalee muuxannoo qoricha aadaa kan qabdu Itiyoophiyaan har’as oomisha qorichaan ofirraa dabartee kan biroofuu ooluu ni dandeessi jedhu.

Agarsiisni ‘Fayyaa keenya omisha keenyaan’ jedhuun galteewwan wal’ansaa omishoota biyya keessaa hedduu dabalatee qorichoonni aadaa faayidaa garagaraaf oolan dhiyaataniiru.

Qaamooleen garagaraas qorichoota aadaa faayidaa garagaraaf oolan agarsiisa kanarratti qabatanii dhiyaataniiru; irra jireessi madda qoricha aadaa biqiloota.

Akka fakkeenyaattis qolli muka ‘gurraachaa’ qoricha dhibee kaansarii wal’anuuf ooludha. Mukni kun qorichummaarraa darbee gosa mukaa kana osoo alatti erganii galii guddaa kan argamsiisu ta’uus eeraniiru.

Biqiloonni madda roobaa, qorichaa, qilleensa gaariifi nyaataa waan ta’aniif biqiloota kanneen beekuufi kunuunsuun murteessadhaa. Sirnakkoowwan garaagaraa Ityoophiyaa keessatti biqiloota kuma ja’aa oltu argamu. Kanneen keessaa harka 12 kan ta’an Ityoophiyaa qofatti argamu.

Baroota darban qorichoonni harka saddeet qofa biyya keessatti omishamaa kan turan yoo ta’u, ammatti garuu hangi omisha qoricha biyya keessaa harka 38 gaheera. Itiyoophiyaan qoricha omishtee gara biyyoota 30 olitti ergaa jirti jedhame.

Itiyoophiyaan galtee wal’ansaan of danda’uuf hojii omisha alaa kan biyya keessaan bakka buusuu eegalteen Doolara Ameerikaa miiilyoona 50 oolchuu ministeerri fayyaa beeksiseera.

Ashaaraan magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtus gariin nyaata, qorichaafi fayyaaf kan oolan ta’uun xiyyeeffannaa damee kanaaf kennite agarsiisa.

Namootaafi qaamoolee qoricha aadaa omishan jajjabeessuun akka barbaachicuus Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhaamaniiru jechuun OBN gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You