Xumura Ijaarsa Hidhaa Laga Abbayyaaf tumsa olaanaa taasifamaa jira

Finfinnee: Ijaarsa Laga Abbayyaa xumursiisuuf lammiileen biyyatti tumsa walirraa hin citne taasisaa jiraachuu Waajjirri Pirojeektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidhaa Lagichaa ibse. Waggoottan 13 darbanittis lammiileen biyyattii kuma 300 ol ta’an hidhicha daawwachuun himameera.

Daarektarri Olaanaan Waajjirichaa Aragaawii Barihee(PhD) ibsa Kibxata darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa hidhicha akka ilmasaanii hangafaatti ilaalurraan kan ka’e jalqaba ijaarsa hidhichaarraa kaasee hanga ammaatti deeggarsa fufiinsa qabu taasisaa jira.

Akka Doktar Aragaawiitti, gaafa hidhicha dhaqanii daawwatanis miira gammachuu adda keessa seenuun waa’ee egeree biyyasaanii abdiin guutamanii deeggarsaafis kaka’umsa guddaa yoommuu horatan bal’inaan mul’ata. Miidiyaaleen biyya alaa 400 ol ta’anis hidhicha daawwataniiru.

Ijaarsi hidhichaa dhibbantaa 96 irraa akka gahe yaadachiisanii; sarara humna ibsaa diriirsuufi hojiilee bu’uuraalee misoomaa hidhichaan walqabatan biroo hojjetanii xumuruuf waliigalatti qarshii biliyoona 45 akka barbaachisu ifoomsaniiru.

Tarbaayinoota hidhicha akka sochoosaniif hojjetaman 13 keessaa, hanga ammaatti tarbaayinotni lama qofti hojii eegaluu himanii: tarbaayinoota hafan kunneen hojii jalqabsiisuufis baasii guddaa akka gaafatu dubbataniiru.

Hidhichi irree Itoophiyaanotaa tokkummaa’en sadarkaa amma irra jirurra kan gahe ta’uu himanii; biyyootni dureeyyiin Itoophiyaa yeroo hunda gargaarsa isaan gaafattu arguu waan fedhanif hidhichi akka gufatu gochuu malee biyyi hidhichaaf gumaata taasise tokko illee akka hin jirre eeraniiru.

Hidhichi gara fuulduraatti galiin Itoophiyaa akka dabalu gochuu qofa osoo hin taane biyyattiin dinagdee walabaa akka horatu gochuufis shoora olaanaa qaba jedhanii; gama hawaasummaafi dippilomaasiitiinis gaheen inni taphachuu danda’u olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ittaantuun Daarektara Olaanaa waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taammir gamasaaniitiin akka dubbatanitti, waggaan 13ffaa hidhichaa mata duree “Gamtaan dandeenyeerra” jedhuun sagantaa adda addaatiin kan kabajame ta’uu yaadachiisanii: gamtaan ijaarsa hidhicha itti fufsiisuuf gaheen miidiyaaleen taphachaa jiran olaanaa akka ta’es eeraniiru.

Bishaan Laga Abbaayyaaf Itoophiyaan dhibbantaa 86 biyya gumaachitu taatee osoo jirtu, yaadama karaa haqa qabeessa ta’een bishaanichatti haa fayyadamnus qabachuun osuma hojjettuu sababa Piroppogaandaa biyya Missiraatiin akka biyya dhugaa hin qabne kan taate ta’uu yaadachiisanii: piroppogaandaa sobaa kana qolachuuf miidiyaaleen Itoophiyaa baay’ee hojjechuu qabus jedhaniiru.

Timni umrii hidhichaa gabaabsuu waan danda’uuf naannawaa Laggeen galtuun gara hidhichaatti yaa’aan ,keessattu, naannoolee Amaaraa, Oromiyaafi Benishaangul Gumuzitti sagantaa Ashaaraa Magariisaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You