Finfinnee: Waqtii gannaa kanatti roobni idileen olii akka eegamu Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa ibse. Dhihaafi Kibba Dhiyaa biyyattiitti haalli qilleensaa weerara dhibee busaaf mijataa ta’u uumamuu waan maluuf hawaasni of eeggannoo akka taasisuuf ibsameera.
Inistityuutichatti Daarektara Ittaanaa Raaga metiworolojii, Dursanii akeekkachiisuufi Damee Qorannoo Asaamminoo Tashoomaa(PhD) Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, waqtii gannaa rooba idileen oliitu eegama. Rooba gannaa argamsiisuuf taateewwan sababa ta’an babal’achaa deemu.
Akka ibsa isaaniitti, ganna baranaatti teempireecharri Garba Paasifikii Bahaafi Giddugaleessaa idilee gad cabbaauun (dhiibbaa haala qilleensaa laaliinaa) jala ta’a. Kanarraa ka’uun seensi rooba ganna baranaa kutaa biyyaa Dhihaafi Kibba Dhihaa akkasumas Giddugaleessa biyyaatti muraasatti dafee eegaluu mala.
Naannolee Tigraay, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Oromiyaatti godinaalee Godina Gujiifi Booranaa osoo hin dabalatin bakkeewwan hedduutti, Kibba Dhihaafi Baha waqtii roobaa isaanii isa guddaa waan ta’eef rooba %85 waqtii itti argataniidha.
Roobni roobu yaa’aa laggeen biyyattii bishaan ga’aa akka qabaatan taasisuudhaan hojii qonnaa, eegumasa biyyeefi bishaanii keessumaa ashaaraa magariisaaf faayidaa guddaa qaba. Roobni idileen ol ganna kanatti roobuun walqabatee kutaalee biyyaa fayyadamoo rooba gannaa ta’an bakka tokko tokkotti roobni idileen olii deddeebi’ee
roobuu akka danda’utu eegama. Baadiyyaafi magaalaatti bakkeewwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti miidhaa dhaqqabsiisuu danda’a. Keessumaa magaalaatti ujummoo dhangal’aaan keessa yaa’u duuduudhaan balaa lolaa dhaqqabsiisa.
Kanaafuu, qaamoleen dhimmisaa ilaallatuufi hawaasni ujummoo dhangala’aan keessa yaa’u qulqulleessuu akka qaban himanii; yaa’a Laggeen Awaash, Abbayyaa, Oomoo, Gibee yeroodhaa gara yerootti bishaan isaan qabatan hordofuun ofeeggannoo taasifamuu qabas jedhaniiru. Lafa qonnaarras bishaan akka hinciifneef bo’oo lolaan irra darbu yeroon qophaa’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Gama fayyaatiin kutaa biyyaa Dhihaafi Kibba Dhihaatti haalli qilleensaa mul’achuu malu tatamsa’ina dhibee busaaf haala mijaa’aa waan uumuuf hawaasni ofeeggannoo taasisuu qaba. Godinaalee Oromiyaa Dhihaa, Beenishaangul Gumuz, Amaaraa Dhihaafi Gambeellaatti tatamsa’inni dhibee busaa mudachuuf sababa akka ta’u akka fakkeenyaatti kaasanii; naannolee kunneenitti bishaan akka bakka tokko hinciifne, naannawaa qulqulleessuun hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016