“Mootummaan jijjiiramaa rakkoo walxaxaa keessatti milkaa’ina  roga maraa galmeessaa jira” -Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee: Mootummaan jijjiiramaa nageenya dabalatee rakkoolee keessoofi alaa mudatan keessatti milkaa’ina roga maraa galmeessaa jiraachuu Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Obbo Awwaluun pirojektoota buleeyyiifi haaraa 20,664 qarshii biliyoona 79.44 ijaaraman kan bara kana eebbifaman ilaalchisanii Wiixata darbe wayita miidiyaaleef ibsa kennanitti, mootummaan jijjiiramaa rakkoo hawaasummaafi dinagdee sababa ongee, dhabamuu nageenyaa, qaala’iinsa gatiifi dhibee koronaafaa akka addunyaatti mudatan keessatti ijaarsa pirojektoota gurguddoo kumaatamaan lakkaa’aman xumuree tajaajilaaf oolchuun  injifannoo guddaadha.

Kaayyoon mootummaa badhaadhina biyya maqaa deeggarsa qamadiin birmadummaanshee sarbamuufi imaammatnishee salphaatti micciiramu osoo hin taane dinagdeefi hawaasummaan miilla lamaan dhaabbattee kabajashee eeggattee jiraattuu ijaaruudha. Bu’uura kanaan hojii hojjetameen sochiin qamadii ofirra darbee  gabaa alaatti erguu cimee kan itti fufu ta’a. Sochiin dinagdee ongeefi weerara garaagaraa dandamatu ijaaruunis karaa guutuun cimee itti fufa.

Omishtummaa qonnaa baadiyyaa magaalaatti dabaluuf innisheetiviiwwan 28 boocamanii hojiirra jiraachuu himanii; lafa qonnaa duraan hektaara miliyoona shan hin caalle gara hektaara miliyoona 11tti guddisuun danda’amuufi omishtummaan duraan hektaararraa calla kuntaala 20 hin caalle gara  kuntaala 30tti ol guddisuun danda’amuu ibsaniiru. Gama hawaasummaanis manneen barnootaa bu’uura boruu baba’isuun dhaloota ga’umsa qabuufi addunyaarratti dorgomaa ta’e horachuuf hojii bal’aan hojjetamuus Obbo Awwaluun yaadachiisaniiru.

Rakkoo walxaxoo akka biyyaafi addunyaatti mudatan dandamachuun ammaan tana pirojektoonni haaraafi buleeyyiin 31,167 qarshii biliyoona 110.9n Oromiyaa keessatti ijaaramaa jiru jedhanii; pirojektoota kunneen keessaa 15,233 qarshii biliyoona 17.8tti tilmaamaman deeggarsa ummataan kan ijaaraman ta’uu  dubbtaniiru.

Pirojektoota kunneen keessaa pirojektoonni 20,664 qarshii biliyoona 79.44 kan ijaaraman xumuramanii eebbisaanii Waxabajjii 15 eegalee akka raawwatamu ibsanii;  pirojektoonni kunneen qajeelfama “Baay’ina, qulqullina, aariitiifi kalaqa” jedhuun waan hojjetamaniif dhibbantaa 70n kan ta’an  yeroo qabame keessatti xumuramuu danda’uusaanii himaniiru.

Pirojektoota  kunneen xumuruuf bakka rakkoon nageenyaa jiru tokko tokkotti hoggansaafi ummatni hanga aarsaa lubbuu kaffaluutti kutannoon hojjechuu himanii; deeggarsa taasiseef ummata galateeffachuun jirojektoota kunneen akka kunuunsan dhaamaniiru.

Naannichi galii keessoo gara qarshii biliyoona 140tti ol guddisuun  baasii pirojektootaas ta’e kanneen biroo  dhibbantaa 67 deeggarsa mootumma federaalaan alatti of danda’aa jiraachuu eeranii; hojiilee hojjetaman keessaa harki walakkaan hirmaannaa ummataan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You