Finfinnee: Furtuu rakkoolee barootaa kan ta’e marii biyyaalessaa milkeessuuf qooda isaanirraa eegamu hunda ba’achuuf qophii ta’uu jiraattonni magaalaa Dambi Doolloo ibsan.
Jiraattonni magaalattii tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, faayidaan marii biyyaalessaa akka biyyaattuu olaanaa ta’us, ummata rakkoo nageenyaan dararamaa tureef ammoo hiikkoo addaa qaba. Ummatni magaalattii bara 2008 eegalee rakkoo ulfaataa keessa waan tureef tasgabbiin jiraatee hin beeku. Jijjiirama booda walitti bu’iinsa qaama hidhatee bosona jiruufi mootummaa gidduutti uumamaa tureen ummatni magaalattii rakko roga maraaf saaxilamuu danda’eera. Amma garuu nageenyi tasgabbaa’e akka waara’uuf marii akka biyyaatti yaadame milkeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Obbo Taaffasaa Mahaammad akka jedhanitti, nageenyi gudunfaa waa maraa waan ta’eef rakkoo barootaa furuuf marii aggaamuun Itoophiyaa akka lammata dhalachuutti ishee lakkoofsisa. Osoo walhubannaafi nageenyi jiraate kan darbe haa hafuutii waggoota jijjiiramaa as qofattuu guddinni Itoophiyaa bakka yaadame ol ga’a ture. Raacitii waldhabbii kaleessaatti dhuka horuun jeequmsi yeroo adda addaa mudate gaaga’ama guddina biyyaa boodatti harkise ta’uu danda’eera.
Akka godina Qellem Wallaggaattis ta’e akka magaalattiitti waggoottan shanan darban qotanii aramachuun, daldalanii jiraachuufi horanii bobbaaffachuun abjuu ture kan jedhan Obbo Taaffasaan; keessattuu mootora misoomaa kan ta’e hawaasni baadiyyaa qe’eesaarraa buqqa’ee gara magaalattiitti godaanuun rakka dinagdeefi hawaasummaa hamaaf ka’umsa ta’uu ibsaniiru.
Nageenyi waaraan mariifi marabbaa qofaan dhufa . Rakkoon nageenyaa guddinaafi nageenya biyyaa kan quucarsu ta’uun kan godinasaanii waggoottan shanan darbanii ilaalu qofti ga’aadha jedhanii; qotanii aramachuun hafee ummatani beelaaf saaxilameera. Utubaa dinagdee godinichaa kan ta’e bunni irbaata simbiraafi bineesota garaagaraa ta’eera. Kanaafuu, rakkoo akka biyyaattis ta’e godinichaatti baroota lakkoofsisetti gudunfaa gochuuf maricha milkeessuuf dirqama isaanirra barbaadamu hunda ba’achuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru.
Jiraataan magaalattii biroo Obbo Isiraa’el Hordofaa gamasaaniin akka jedhanitti, waggaa tokko dura magaalattiin gaaga’ama hamaa keessa turte. Namuu waa’ee jireenyaafi waan ittiin jiraatanii dhiisee lubbuun jiraachuu qofa ajandaa godhatee ture. Haa ta’uutii, waggaa tokko as qotanii aramachuun, daldalanii jiraachuun danda’ameera. Garuu ammoo mootummaan garaa bal’atee akkuma kana dura taasise mariirratti yoo fuulefatee hojjete malee ammas sodaan nageenyaa rakkoo egereeti.
Kaleessas rakkoon nageenyaa mudataa ture bu’uurrisaa ummata osoo hin taane qaama hidhatee godinicha keessa socho’udha. Ummatni magaalatti jijjiirama fidee tiksuufi deeggaruu cinatti mariitti amana. Ta’us qaamni maqaa “Abbaa torbeen’ of gurmeessee magaalattii keessa socho’aa ture gocha shororkeessummaa r lubbuu hoggansaafi namoota nagaa hedduu galaafachuu ummata sodaa keessa galchuu kan himan ammoo Kantiibaa Magaalattii Obbo Girmaa Daangilaati.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016