Finfinnee: Horsiisee bultoonni godina Booranaa kanaan dura ongeen dararamaa turan rakkoo fuulduratti isaan qunnamuu malu dandamachuuf misooma qonnaarratti xiyyeeffachaa jiraachuu ibsan.
Kana dura godinichatti akka bu’uura jireenyasaatti ilaalaa kan ture beeyilada horsiisuu yommuu ta’u ongeen waggaa lama dura godinichatti mudate beeyilada hedduu galaafachuun ummata naannichaa rakkoo hamaa keessa galchee ture. Ammaan tana rakkoo mudachuu malu dandamachuuf pirojektii bishaanii mootummaan hojjeteefi roobatti fayyadamuun horsiisa beeyiladaa cinatti hojii qonnaa finiinsuu eegalaniiru.
Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas daawwannaa misoomaa qindeessummaa Biiroo Qonna Oromiyaan tibbana godinichatti taasifamerratti argamuun horsiisee bultoota hojii qonnaa eegalan tokko tokko haasofsiiseera.
Jiraataa Aanaa Haroo Bakkee kan ta’an Obbo Waaqoo Afatoo akka jedhanitti, kanaan dura beeyilada horsiisuun qofa jiruufi jireenyasaanii gaggeeffataa waan tauraniif hanqina roobaa godinichatti mudatuun ongeen irra deddeebiin uumamu aadaa jireenya horsiisa beeyiladaa irratti hundaa’e kana gaaga’ama keessa galchaa dhufe. Keessattuu ongee waggaa lamaan dura naannawa sanatti muudateen beeyiladootni hedduun jalaa dhumuusaaniitiin yeroo ammaa horsiisa beeyiladaan cinatti lafa tanaan dura qonnaaf oolee hin beekne qotuudhaan xaafiin omishamaa jiraachuus ibsaniiru.
Horsiisee bultootni godinichaa beeyilada horsiisuu qofaa osoo hin taane gara omisha qonnaatti seenuun haala jiruusaanii akka fooyyeffataniif kaka’uumsa uumuudhaaf yeroo ammaa Haroon Bakkee gosoota kuduraafi muduraa garaagaraa omishaa jiraachuu kan himan jiraataa Aanichaa biroo Obbo Sisaay Ibreen. Haaluma kanaan bifa kanaan dura ta’ee hin beekneen timaatimii, shunkurtaa, qaaraa, kaarotaafi raafuu omishuun muuxannoon horatamaa jira.
Hojii qonnaa kana erga eegalanii reefu waggaa tokkoofi walakkaa ta’uu eeranii; bu’aan kuduraafi muduraa yeroo gabaabaa keessatti kan mul’atu ta’uu baatus qonnaan bultootaafi horsiisee bultootni naannawa sanaa muuxannoo kana isaanirraa qooddachuu eegaluusanii ibsaniiru.
Kana malees, ammaan tana margi beeyiladaa osoo hanqinni roobaa mudateeyyuu waggaa lamaaf ga’u omishamee mankuusaa keessa jira. Gaaga’ama ongee kana duraarraa barumsa fudhachuun marga omishuufi kuusuun bal’inaan raawwatamaa jira.
Horsiisee bulaan Aanaa Elwayyee Obbo Aabguddaa Waariyoo akka dubbatanitti kanaan dura sababa ongeen beeyiladasaanii hedduu dhabaniiru. Ta’us margi yeroo ammatti omishamee mana kuusaatti ol kaa’amee jiru garuu ganna kana guutuu osoo roobuuyyuu baatee loonsaanii sodaa tokko malee dandamachuu danda’u.
Deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin haroowwan qotuuniifi marga bifa hammayyatiin omishanii yeroo rakkootiif olkaa’uun akka godinichaatti hojii xiyyeeffannoon hojjatamaa ture ta’uu kan himan immoo Bulchaa Godinichaa Obbo Abdusalam Waariyooti. Yeroo ammaa kanatti garuu Aanaa Elwayyee qofatti margi lafa hektaara kuma 63 ta’urratti misoomaa jiraachuu himanii, margi toonii kuma 75 ta’u mana kuusaatti ol kaa’amuus ni ibsu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016