Harka kennachuun daandii nagaatti deebi’uun Shanee itti fufee jira

Finfinnee: Qeerroofi qarreen Oromoo jijjiirramni siyaasaa hunda galeessi Itoophiyaa keessatti akka dhufuuf harka duwwaa taankiifi diishqaa jala dhaabachuun lubbuusaanii qaalii kanfaluun qabsoo seenaa keessatti hin dagatamne taasisaniiru.

Qabsoo isaan taasisan kunis sabni Oromoofi sabootni biroo dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan moggaatti dhiibbamaa turan gara wiirtuutti akka dhufaniif karra saaqeera. Dhimma biyyaarratti qixa hirmaachuun qabeenya naannoosaanii bulchuufi itti fayyadamuu danda’uun bu’aa jijjiirama argameeti.

Bal’achuu dirree siyaasaa hordofee waamichi Adda Bilisummaa Oromoofi Waraanni Bilisummaa Oromoo biyya hambaa turaniif taasifameen gariin karaa nagaa wayita deebi’u gariin cabsatee bosonatti maquun waggoottan shanan darbe Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuun hubaatii guddaa dhaqqabsiiseera.

Mootummaan jijjiirama nageenya biyyaafi tasgabbii ummataaf dursa kennuun waamicha nagaa irra deddeebiin taasiseen miseensi garichaa kumaatamatti lakkaa’aman harka kennachuun daandii nagaatti deebi’aniiru.Har’as warra deebi’aniif karri nageenyaa akkuma banametti jira. Warri kana dura harka kennachuun daandii nagaatti deebi’an, kaansaanii leenjii haaromsaa fudhachuun dhiifamaan ummatatti makamanii hojii idileesaaniirra jiru.

Harcaatota daandii nageenyaa lagatanirratti ammoo Raayyaa Ittisa Biyyaarraa qaamolee nageenyaa naannichaa wal ta’uun tarkaanfii qindaa’aa fudhachaa jira. Guyyaa kaleessaa qofa Aanaa Guddayyaa Biilaatti tarkaafii fudhatameen miseensotni garichaa barbada’aniiru.

Ajajaa Olaanaan kutaa waraanichaa Koloneel Abbaayinaa Asmaamoo akka jedhanitti, Raayyichi tarkaanfii fudhateen miseensota garichaa 23 ajjeesee, meeshaa waraanaa Eke’emi(AKM) 12, meeshaa duubatti hafaa tokko, rasaasa kilaashii 350, Shugguxii tokko humnicharraa fudhateera.

Haaluma walfakkaatuun Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa ganda Qaaloo Qabitteetti tarkaanfii garicharratti fudhatameen Kilaashii 13fi meeshaleewwan waraanaa garaagaraa galii ta’aniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You