Barattoonni Magaalaa Shaggar qormaata kutaa 12ffaaf qophii gahaa taasisan

Finfinnee: Bara darbe barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa qabxii darbiinsaa kan galmeessan dhibbantaa 3.2 qofa ta’uun akka biyyaatti rifannaa guddaa uumee ture. Sirni barnootaa haaraan hojiitti hiikamuufi sirni qormaataa hannarraa bilisa ta’uun carraaqqii dhamaatii malee darbuutti karra cufeera. Waggaan naanna’ee dhufuun dirqama waan ta’eef qormaatni baranaas barattoota haaraa keessummeessuuf guyyoota muraasa qofati hafuu sababeeffachuun Gaazexaan Bariisaa barattootaafi hoggansa barnootaa Magaalaa Shaggar waliin Kibxata darbe turtii taasiseera.

Mana barumsaa bara kana barattoota karaa onlaayinii qormaata qoru keessaa tokko Mana Barumsaa Burqaa Wayyuu Sadarkaa 2ffaa Kutaa Magaalaa Furiitti argamudha. Manni barumsaa kun barumsa haala gaariin kennuusaan qabxii barattootaa fooyyessuurratti maqaa gaarii akka qabus odeeffanneerra.

Barattuu Miiriyaam Amaan jabaattee qo’achuun qormaata kutaa 8ffaafi kutaa 10ffaatti qabxii gaarii galmeessuu himtee; qormaata kutaa 12ffaa baranaan qabxii gaarii galmeessuuf qophii gahaa taasisaa akka jirtu ibsiteetti. Qabxiin qormaataa barattoota kutaa 12ffaa bara darbee rifaasisaa ta’us jabaattee hojjechuuf miira xiiqii keessa akka ishee galches dubbatteetti.

Akka isheen jettutti, barsiisotaan deeggarsi roga maraa isaaniif taasifamaa jira. Manni kitaabaas yeroo barnootaan alatti banaa ta’ee barattoota tajaajilaa jira. Qormaatni onlaayinii ta’uunsaa hubatamee dandeettii kompitaraa cimsachuurratti shaakala gahaa taasisaniiru. Gara manaatti wayita deebitus boqonnaa erga fudhattee booda halkan bakka sagaleen ishee jeequ hin jirretti yeroo hirribaa aarsaa gochuun qo’achaa jirti.

Barataa Darribuu Abarraa sababa rakkoo nageenyaaf godina Shawaa Kaabaarraa gara mana barumsaa kana dhufuu dubbatee; haalli keenniinsa barnootaa mana barumsichaa kan godinasaarra daran fooyya’aafi mijataa ta’uu ibseera. Godinasaa keessatti barnoota bakka addaan citetti bira taru malee qabiyyeen hin xuramu, asitti garuu qabiyyee barnootaa xumuruun cinatti fayyadamummaan teknolojii olaanaa ta’uus dabalataan eereera.

Manni barumsaasaanii mana yaalii, mana kitaabaafi galtee ICT guuttatte qabaachuun cinatti haalli kenniinsa barnootaa gaarii waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuun qormaata kutaa 12ffaan qabxii gaarii fiduu qophiirra jiraachuu kan ibsite ammoo barattuu Haannaa Lammaati. Qormaatni onlaayinii ta’uusaa yeroo dhageessu gara jalqabaatti rifattee akka turteefi boodarra garuu taatee addaa akka hin taane huchuushees ibsiteetti.

Qormaatni kutaa 12ffaa akka qormaata dareetti kennamuu osoo hin taane qophii gahaa barbaada. Qophoofnaan waanuma baratame keessaa waan dhufuuf taatee addaa miti kan jette ammoo barattuu Beetelihem Darajjeeti. Sababni kufaatii qophii barumsaafi xiinsammuu gahaa taasisuu dhabuu akka ta’es dubbatteetti.

Obbo Sirnaa Dabalaa Daarektara Ittaanaa Mana Barumsaa Burqaa Wayyuu Sadarkaa 2ffaa yommuu ta’an, xiinsammuufi dandeettii barattootaa gabbisuuf leenjiin sadarkaa adda addaatti barattootaaf kennamuu eeranii; qormaata moodelaa sadarkaa garaagaraatti kennuun cinaatti hojiin barattoota qopheessuu bal’inaan taasifamuu yaadachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You