Finfinnnee: Itoophiyaan ulaa galaanaa daftee archuuf guddina dinagdee saffisaa galmeessuu akka qabdu hayyuun yuunivarsitii Finfinnee Doktar Maatiyoos Hinsarmuu ibsan. Seerotni ulaa galaanaa idiladdunyaa biyya kamuu fayyadamummaa ulaa galaanaa dhorkuu akka hindandeenye eeraniiru.
Hayyuun Yunivarsitii Finfinnee Doktar Maateyoos ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan ulaa galaanaa daftee archuuf guddina diinagdee saffisaa galmeessisuu qabdi. Guddinni dinagdee ulaa galaanaa malee guddachaa jiraatus caalmaatti guddisuuf ulaan galaanaa barbaachisaadha. Ulaan galaanaa ulaa daldalli dhibbantaa 80 hanga 90tti waan gaggeeffamuuf ulaan galaanaa Itoophiyaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaanitti, biyyootni galaanatti argamaniifi biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin walittidhufeenya uumuudhaan argachuu danda’u. Kunis kan ta’uu danda’u, seerota ulaa galaanaa idiladdunyaan mirga ulaa galaanaatti fayyadamuu biyyootaa waan heeyyaamuuf jedhaniiru.
Bu’uuruma seerichaatiin biyyi ulaa galaanaa hinqabne biyya ulaa galaanaa qabdu waliin walittidhufeenya uumuudhaan tooftaa bittaa ulaa galaanaafi waliin misoomsuutiin argachuu dandeessi.
Biyyootni akka Ameerikaafi Faransaayiifaan kiiloomeetira dheeraarraa dhufanii bu’uura seera kanaatiin ulaa galaanaa Jibuutii fayyadamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Biyoonni kunneen Itoophiyaan biyya qabeenya guddaa qabdu waan taateef ulaa galaanaa fayyadamuudhaan guddina dinagdee yoo galmeessite naannicha liqimsuu dandeessi jechuun yaaddoo qabu.
Kanaaf, ijaarsi hidha laga Abbayyaafi fayyadamni ulaa galaanaan akka hinmilkoofne fedhasaanii ta’us hidhichi milkaa’eera. Ulaa galaanaa argachuufis tattaaffiin taasifamaa jiru milkaa’uu akka hindandeenye himanii; tattaaffii ulaa galaanaa argachuu eegalame milkeessuus dinagdee biyyattii saffisaan guddisuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhaniiru.
Dinagdeen biyyaa guddate alergiifi alaa galchii waan dabaluuf ulaa galaanaa ollaa jiran keessaa filmaatawwan garagaraa akka fayyadamtu taasisa. Tajaajilli ulaa galaanaa ollaa taasifamus biyyoota ollaa Itoophiyaa walittifiduun waliinguddachuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan Doktar Maatewoos.
Itoophiyaa wiirtuu dippilomaatotaa ta’uun walqabatee sochiin humna galaanaarraa Itoophiyaan qabaattuuf carraa ta’uun nageenya naannawa gaanfa Afrikaa mirkaneessuun guddina dinagdee waliinii saffisaan akka guddatu taasisa jedhaniiru.
Ulaan galaanaa Akka biyyaattis ta’e naannawa gaanfa Afrikaatti argamu nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuun guddina dinagdee saffisiisa. Gaafa hawwattummaan dabalaa deemu ulaa galaanaa kan qabus hinqabnes hariiroo Itoophiyaa waliin qabaachuuf karra saaqa jedhaniiru. Kana milkeessuufis hayyootni qorannoo bal’aa gaggeessuudhaan bu’aa jiru ragaan deeggaranii mootummaa hubachiisuun gumaachuu qabu jedhan.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016