Finfinnee: Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti omisha qonnaa ganna dhufuuf xaa’oo kuntaalli kuma 200 qonnaan bultootaaf kan rabsame ta’uu waajjirri qonna godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan Ittaanaa waajjirichaa Obbo Hirphaa Addunyaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, omisha qonna ganna baranaatif godinichi xaa’oo kuntaala kuma 547 qonnaan bultootaf dhiyeessuuf karoorfatee hanga ammaatti kuntaala kuma 200 dhiyeessuu danda’eera.
Akkaataa Agro Ikolojii godinichaatiin yeroo ammaa godinichi facaasaa mishingaafi boqqoolloo kan xumure yommuu ta’u, torbe dhufuu eegale ammoo facaasaa garbuutu itti fufa. Facaasaan sanyii midhaanii godinichatti bal’inaan kan raawwatamu ji’a Waxabajjii keessadha.
Akka Obbo Hirphaatti, haalli dhiyeessii xaa’oo baranaa kan bara darbeerra fooyya’iinsa qabaatus, ammas haalli raabsa xaa’oo naannoorraa gara godinatti yoommuu taasifamu harkifannaa qaba.
Xaa’oo godinicha qaqqabe kuntaala kuma 220 keessaa kuntaalli kuma 200 rabsameera kan jedhan Obbo Hirphaan; hojmaata raabsa xaa’oo akka biyyaatti jalqabametti fayyadamuun karaa haqa qabeessaafi kontirobaandii xaa’oo hambisuu danda’amuun godinichatti hojiin rabsaa xaa’oo raawwatamaa jira jedhaniiru.
Kontirobaandii xaa’oo hambisuuf tokkoon tokkoon qonnaan bultootaa lafa hagamii qonnaaf akka qopheessan adda baasuun fedhiifi hanga lafa qonnaan bultootni qopheeffatanii wal madaalchisuun hojiin rabsaa hojjetamaa jira.
Kanamalees, kaffaltii qonnaan bultootni xaa’oof kaffalan karaa mana baankii akka kaffalan gochuun hordoffii gadifagaataa taasisuun kontirobaandii xaa’oo ittisuun hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Hirphaan ;hordoffii taasifamaa jirunis xaa’oo seeraan ala daddabarfamaa ture kan too’atame ta’uu ibsaniiru.
Ittifayyadamaa xaa’oorratti fedhiin qonnaan bulaa godinichaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira kan jedhan Obbo Hirphaan; fedhiin qonnaan bulaa bara darbe kuntaala kuma 350 turerraa barana gara kuntaala kuma 547tti kan guddate ta’uu ibsaniiru.
Sababa rakkoo nageenyaatiin dhiyeessiin xaa’oo akka hingufanne gochuufis humna Raayyaa Ittisa Biyyaa fayyadamuun imalsiisufi magaalotarratti kuusaa xaa’oo babal’isuun hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016