“Oromoon Oromoo ajjeesuun bilisummaan dhufu hin jiru” -Miseensota ABO Shanee harka kennatan

Finfinnee: Oromoon Oromoo ajjeesuun Oromoo bilisoomsuu osoo hin taane gara garbummaatti wal deebisuudha jedhan Miseensotni garee ABO Shanee harka kennatan.

Miseensonni kunneen sochiin ABO Shanee dhuguma qabsoo siyaasa bilisummaa isaanitti fakkaatee kan itti makaman ta’uu himanii: erga keessa seenanii booda gochaan ABO Shanee gochaa uummata saamuu, shororkeessuu, ajjeesuu, buqqisuu akka ta’ee hubatanii garicha keessaa bahanii mootummaaf harka kan laatan ta’uu dubbataniiru.

Waraanni ABO Shanee mataasaatiin waraana tokkumma fi ejjennoo hinqabnedha kan jedhan miseensonni kun waraanichi mataasaatiin laga lagaan wal qoodee wal nyaachaa jiraachuu himanii: lafa deemaan hundatti uummata Oromoo araara tokko malee daraaraa, ukkaamsuun qarshii gaafachaas jira jedhaniiru.

Barnoota keenya adda kunnee waraanichatti kan makamne, hiriyootni keenyas kan nu biraa harca’an qabsoof jedhameeti malee Oromoorratti gidiraa raawwachuuf miti, kan jedhan miseensonni kunniin “dhaqii haadhakee ajjeesi jedhame ajajni naaf kennamnaan ajaaja naaf kenname raawwachuuf dirqaman qaba waan ta’eef gara laafina tokko malee dhaqee ajjeesa, Kanaaf haadhoolii ajjeesaa turre, maanguddoota waggaa 80 ol ta’anis ajjeesaa turre”.qabsichi sirrii waana hintaaneef harka kennachuuf dirqamuu kaasaniiru.

Maqaa qabsootiin Oromootu Oromoo ajjeesaa jira kan jedhan miseensotni kunneen Oromoon tokko Oromoo ajjeesee reeffasaarra dhaabachuun dhaadachuun naafummaadha malee gootummaa miti jedhan.

Sochiin garee kanaan taasifamu Oromoo lafarraa duguuguu malee Oromoof faayidaa tokkollee hin buusu kan jedhan miseensotni kunneen gochaa raawwachaa turanitti gaabbuun uummata Oromoo hunda dhiifama gaafataniiru.

Hoggantoota garichaatiin ajajamnee nama lubbuun jiru osoo na hin ajjeesinaa jedhee iyyuu qabnee abidda keessa buusaa turre, gochaa kanarraa kan ka’e malkaafi tulluun nuuf hin kadhatamu: gochaan akkasii abaarsa hamaa ta’uus yaadachiisaniiru.

Miseensonni garee kanaa ammallee bosona jiran akkuma isaanii gochaa ABO Shanee sirriitti xinxalanii ilaalanii mootummaatti harkasaanii kennachuun deebi’anii qe’eesaanitti galanii maatiisaanii akka tajaajilan miseensonni harka kennatan kunneen waamichasaanii dhiyeessaniiru.

Rippoortara Gaazexichaan

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You