Finifnnee: Duula misooma barnootaa guutuu Oromiyaatti banameen yeroo ammaa naannichaatti baay’inni manneen barnootaa kuma 30, barsiisonni kuma 300fi barattoonni miliyoona 11.6 dhaqqabuu ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaarra argame ni mul’isa.
Hogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa kaleessa kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaatti bara kana barattoonni miliyoona 1.4 qormaata kutaa 6ffaafi 8ffaa kan fudhatan yommuu ta’u, barattoonni 246fi 575 ammoo qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf qophiirra jiru.
Akka ibsasaaniitti, qormaata sadarkaa naannoofi biyyaalessaatti kennamu kanaaf qophiin gahaa kan taasifame yommuu ta’u, barana qormaanni kutaa 6ffaa sadarkaa naannootti yeroo jalqabaaf kennamuu eegala. Haaluma kanaan waraqaan qormaataa gara giddugala qormaataatti kan raabsamuufi qormaatichi walduraa duuba yeroo taa’eefiin kan kennamu ta’a.
Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 karaa lamaan kan kennamu ta’uu himanii; manneen barnootaa filataman 40 keessatti karaa onlaayinii, isaan hafan ammoo haaluma kanaan dura barameen akka gaggeeffamu ibasniiru.
Bakka qormaanni itti kennamu ilaalchisee barattoonni manneen barnootaa keessatti baratanitti osoo hintaane giddugala isaaniif qophaa’e keessatti akka qoraman taasifamu.
Itti fayyadama kompiiwutaraan walqabatee rakkoon akka hin uumamneef gamanumaa akka shaakalan taasifamuu eeranii, haaluma kanaan magaalota rakkoon interneetiifi dhiyeessiin kompiiwutaraa gahaa ta’e keessatti argaman kan akka Jimmaa, Adaamaa, Shaggar, Bishooftuufi bakkeewwan yunivarsitiiwwan mootummaa itti argaman 14 keessatti onlaayiniin kan kennamu ta’uu dubbataniiru.
Manneen barnootaa 40 keessatti qormaanni kutaa 12ffaa karaa onlaayinii kan kennamu bakkeewwan dhiyeessiin kompiiwutaraafi interneetiin gahaa ta’e argamutti ta’uu yoo himan; haala kanaan barattoota kuma torba kan keessummeessan ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan sagantaan qormaata sadarkaa naannoofi biyyaatti kennamu kan bahe yoo ta’u, kutaan 6ffaan Camsaa 29fi30, kutaa 8ffaan Waxabajjii 4fi 5 qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa ammoo Adoolessa 3-5tti kan kennamu ta’uu himaniiru.
Barsiisonni qormaaticha qoruuf filataman leenjii fudhatanii kan bobba’an yoo ta’u, qormaatichi karaa nagaan kennamee akka xumuramuuf caasaan nageenyaa bobba’uufi hawaasnis qaamolee nageenya tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016