“Oromiyaan booressitoota nageenyaan waan kaleessa qabduufi har’a horatte dhabaa jirti” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee: Oromiyaan waan kaleessa qabduufi har’a horachaa jirtu qaamota nageenya booressaniin dhabaa jiraachuushee Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Obbo Shimallis waamicha nageenyaa qaamota hidhatee nagaa booressaa jiran daandii nagaatti akka deebi’an, qaaniifi gadadoo boora’uu nageenyaatiin waggoota shanan darbanitti ummata Oromoorra ga’e ilaalchisee karaa toora miidiyaa hawaasasaanii ergaa dabarsaniiru.

Hireen yaada bilisaan tarkaanfachiisuu, dirree dorgommii yaadaa umamerratti sagantaa qabsoo siyaasaatiin dorgomuun, aangoo qabachuufi ummata tajaajiluun hara uumamee osoo jiruu sabni Sirna Gadaa isarra darbee dhibee siyaasaa warra biroofuu daawwaa ta’u qabu dhabaa fakkaatee qe’ee irratti kabajamuun malurratti  seeraa alummaan goolamaa jiraachuun daran qaanessaa ta’uu ibsaniiru.

Ummatni Oromoo bakka kaleessaa osoo hin taane sadarkaa hireesaa wareegama qaaliin mirkaneeffaterra jira malee boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru Filannoo yaadaafi sagantaa siyaasaa dhiyaateefirratti hundaa’ee qaama isaaf tahu filachuu danda’eera. Ammas taanaan daandiin kun wabii heeraafi seerotaa murteessaa kan qabuudhas jedhaniiru.

Haa ta’u malee, hiree ummanni wareegamaan argate kun, yeroo kanatti, humna hidhatee bosona jiruun goolamaa jira. Jilbaafi gadameessi dhaloota ofii gumaacheen shororkaa’uun, ija namaafi fuula Uumaa duratti qaaniifi salphina guddaadha. Ajjeechaafi miidhaa qaamaa suukanneessaan maanguddoota, gaheessota, dubartootaafi daa’imman irratti raawwatame godaannisa hamaadha. Saamichaafi mancaatiin qabeenya qe’ee Oromoo waggoottan afran darban qofatti raawwatames, kan kaleessa qabnuufi kan har’a horachaa jirru baay’ee dhabamsiiseera jedhaniiru.

Waggoottan darban keessatti mootummaan naannichaa dirqama seera kabachiisuu itti kennamee ba’achuun cinatti humna ABO Shanee waamicha nageenyaa irra deddeebiin dhiyeesse loltoonni murnichaa kumaatamaan lakka’aman deebi’uun kabajni Oromummaa isaaniif taasifamee leenjii haaromsaa fudhachaa jiru,ammas kanneen harka kennachaa jiran hedduudha.  Haaromsaan boodas  ummatatti makuun hojii deebisanii dhaabuu hojjetamaa jira.

Boqonnaa gadoo, muffiifi waldhabdee cufuun, boqonnaa waliigaltee uumuuf waltajjiin marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaan hundaaf dhiyaatee jira. Mootummaafi ummanni biyyattii mariifi marabbaa akka fala furmaataa tokkotti qabatanii tumsaa jiru. Aadaa siyaasaa boodatti hafaa irraa, gara boqonnaa mariifi marabbaan dhibdee fixachuutti ce’uuf imala eegalaniiru.

Kanaafuu, waldhabuu kamuu filannoo daandii nagaatiin furuun saamichaafi ajjeechaan hafee qe’ee Oromoo tasgabbeessuun brabaachisaadha. Mootummaan akkuma kaleessaa namoota daandii nagaa fedhan harka bal’isee simachuuf qophiidha. Harka nagaaf diriirse yoomuu hin dachaafatu jechuun waamicha nagaa dhiyeessaniiru.

Rippoortara Gaazeexichaan

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You