Leenjiin dandeettii raawwachisummaa cimsuu qonnaan bulaa guutuu Oromiyaaf kenname

Finfinnee: Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu qonnaan bulaafi horsiisee bulaa guutuu Oromiyaaf guyyoota shaniif kennamaa ture kaleessa xumuramuu Biiiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaase.

Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa haasaa baniinsa leenjichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, badhaadhina yaadame milkeessuuf qoodni qonnaan bulaafi horsiisee bulaa Oromiyaa olaanaadha. Leenjiin kun omishaafi omishtummaa guddisuu, ittifayyadama teknolojiifi galtee qonnaa, qulqullina, baay’inaafi ariitiin omishuufi aadaa qusannaafi liqiirratti hubannoo ga’aa argachuun badhaadhina maatii mirkaneessuufaa of keessatti hammate qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf kennameera.

Kaayyoon leenjichaa qonnaan bulaa gidduutti tokkummaa ilaalchaafi gochaa fiduun misoomaan hiyyummaa mo’achuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf hubannoo cimsuu yoo ta’u, omishaafi omishtummaa guddisuu, aadaa qusaannoo cimsuufi jijjiirama argame itichuurratti qonnaan bulaafi horsiisee bulaan gaheesaa qixa sirriin akka ba’uufis riqicha jabaa ta’uun ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun leenjichi magaalaa Shaggarittis qonnaan bulaa kuma 46 ta’aniif kennamuu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalattii Doktar Ingaabbuu Hordofaa Wiixata darbe Gaazeexaa Bariisaaf ibsaniiru. Lenjichi giddu galeessummaa Paartii Badhaadhinaan kan hogganamu yoo ta’u, kutaalee magaalattii 12fi aanaalee 36 keessatti qonnaan bulaa hunda hirmaachisuun adeemsifame.

Leenjichi omishaafi omishtummaa qonnaan bulaarratti waan xiyyeeffatuuf qonnaan bulaan Shaggar lafasaa karaa bu’a qabeessa ta’een akka fayyadamuuf daran gargaara. Lafa xiqqaarratti omishtummaa dabaluufi qonna manduubee babal’isuu keessatti leenjichi hubannoo guddaa uuma. Midhaan gosa garaagaraa waljijjiiranii facaasuun gabbina biyyee dabaluun cinatti haala qophiifi itti fayyadama xaa’oo uumamaarratti illee hubannoo gahaa kenneera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You