Finfinnee: Kampaaniin Xiyyaaraa Booyiingi sadarkaa Afrikaatti Waajjirasaa Itoophiyaatti banuuf murteessuun Kaampaanota biroof karaa kan saaqu ta’uu xiinxalaan Aviyeeshinii Idila Addunyaa Obbo Yoonaataan Mankir ibsan.
Obbo Yoonaataan ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf Kamisa darbe kennaniin, qabeenyummaansaa kan Ameerikaa kan ta’e Kaampaaniin Xiyyaara Booyiingi omishu Waajjirasaa sadarkaa Afirikaatti, Itoophiyaatti banuuf murteessuun Kaampaanonni idila addunyaa biroon gara Itoophiyaa akka dhufaniif carraa gaarii uuma jedhu. Murteen Booyiingi hariiroo daldalaafi teknolojii waggoota dheeraa Daandiin Xiyyaara Itoophiyaafi kampaanichi gidduu dabalaa deemuu bu’uura godhachuudhaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Daandii Xiyyaaraa biyyoota Afirikaa waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu xiyyaara kaampaanii Booyiingiin hojjetame bituudhaanis ta’ee meeshaalee suphinsaa galchuudhaan Itoophiyaan adda dureedha.
Ammas Booyiingi hedduu bituuf ajajee jiraachuu himanii; hariiroon kun walitti ida’amee Kaampaanichi waajjirasaa Afrikaa Itoophiyaatti banuuf akka murteessu taasiseera.
Murteen Kaampaanichaa Kaampaanileen biroonis Itoophiyaatti Kaampaaniisaanii akka bananiif carraa gaarii uuma. Yeroo kun ta’u galiin Itoopiyaan sharafaa alaarraa argattu akka guddatu taasisa.
Kanaan walqabatee kaampaanichi carraa ijaarsaafi guddina ogummaa balaliisisuu xiyyaaraa, kenna tajaajila fooyya’aa faana carraa hojii bal’aan dargaggoota biyyattiif akka uumu yoo himan gama biraanis teknolojii ammayyaa guddina dinagdee biyyaa ariifachiisan hedduu qabatee akka dhufu ibsaniiru.
Kanaafis, hundumtuu gaheesaa ba’uun carraa kana bu’aa biyyaaf akka oolu hojjechuun murteessaa ta’uu ibsanii gama bu’uraalee misoomaa telekoomii, intarneetiifi humna ibsaa guutamuufiin barbaachisaadha.
Kaampaaniin kun guddina aviyeeshinii Itoophiyaa ittidhiyeenyaan deggersa barbaachisaa akka taasisuuf faayidaan Kaampaanii kanaa olaanaadha jedhaniiru. Dabalataanis, rakkoo aviyeeshinii Afrikaanotaa furuun guddina aviyeeshinii Afrikaanotaa keessatti Kampaanichi ittidhiyeenyaan deggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisuuf carraa bal’aa kan uumu yoo ta’u hariiroo biyyoota Afriikaafi Ameerikaanotas nicimsa jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016