Finfinnee: Boqonnaan ajandaa walitti qabuu milkaa’ina boqonnaa marii biyyaalessaa ittaanuuf murteessaa ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Boqonnaan ajandaa marii walittiqabuu Magaalaan Finfinnee Caamsaa 21 irraa eegale ittifufee jira.
Komishinara Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa sirna jalqabbii ajandaa walittiqabuu Magaalaa Finfinneerratti argamuudhaan haasawaa taasisaniin, boqonnaan ajandaa walittiqabuu komishinichi irra ga’ee jiru milkaa’ina boqonnaa marii biyyaalessaa ittaanuuf shoora olaanaa qaba. Hanga ammaatti raawwiin jiruun boqonnaa raawwii komishinichaa afur keessaa lama xumuruun gara boqonnaa sadaffaatti ce’amuu ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhimmoota garaagarummaan yaadaafi waldhabdeef sababa ta’an adda baasuun mariin biyyaalessaa geggeeffamuun waliigalteerra akka ga’amu xiyyeeffannaan hojjechaa jira. Raawwiisaaf labsii 1265/2014n dhaabbata walabaa ta’ee akka hundaa’u ta’e. Labsii kana bu’uura godhachuudhaan qaamolee hawaasaa garagaraa, dursitoota yaadaafi siyaasaa hammataafi hirmaachisaa qixa ta’een calalliin hirmaattota qaamolee hawaasaa xumuramee boqonnaa ajandaa walittiqabuurra ga’uuf of eeggannoodhaan hojjetameera.
Boqonnaan ajandaa walittiqabuu boqonnaa hirmaattotni qaamolee hawaasaa bakka bu’anii hirmaannaa murteessaa ittitaasisan keesaa isa tokkoodha. Kanaafis, boqonnaan ajandaa marii mar’atanii walittiqabuu hirmaattota aanaalee 119 Magaalaa Finfinneerraa calalaman kuma lamaafi 500 ta’aniin eegalamuu ifatti ibsaniiru.
Geggeessitoota hawaasaa, dubartoota, dargaggoota, hawaasa daladalaa jiraatu, barsiisota, qaamolee hawaasaa boqonnaa ajandaa walittiqabuurratti hirmaatan keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hirmaannaa hawaasaa malee furmaata fiduun akka hindanda’amne yaaliin kanaan dura taasifame agarsiiftuu ta’uu himanii; amma garuu furmaata waara’aa fiduuf daandiin haaraan karaa hirmaattotasaan bakka isa bu’aniin hirmaachuudhaan garaagarummaa yaadaa hidda gadfageeffate fala kaa’uuf hawaasin carraa qixxee argatee jira.
Hawaasni ittigaafatamummaa seenaa qabeessa kana yoo sirnaan ittifayyadamne qaamolee hawaasaa garagaraa gidduu, mootummaafi ummata gidduutti hariiroo jiru fooyyeessuudhaan sirna siyaasaa walamantaan guutame akka ijaaramu taasisa. Aadaa siyaasaa mariin akka cimu taasisuun rakkoolee jira fufiinsaan furuun nageenya biyyaa amansiisaa taasisuudhaan mootummaa jabaa ijaaruuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Komishinichis kana bu’uura godhachuudhaan ajandaa boqonnaa marii kanatti adda ba’aniitti xiyyeeffannaa kennuudhaan boqonnaa ajandaa bocuu fuulduraatti akka hammataman taasisuudhaan dirqamasaa akka ba’u ibsaniiru.
Hirmaattotni ajandaa marii kanarratti hirmaatan Abbaa Gabira Yesuus Hadis, Aadde Saabaa Gabramadiiniifi bariisaa Jabeessaa Dabalaa garaagarummaa yaadaa bara dheeraaf madda walittibu’iinsaa ta’ee tureef furmaata kaa’uuf mariin biyyalessaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, dammaqinaan ajandaa walittiqabuurratti dammaqinaan akka hirmaatan ibsanii; lammileen biyyattii hundi milkaa’ina marii biyyaalessaaf qoodasaanirraa eegamu ba’uu qabu jedhaniiru. Hanga mariin eegalame kun milkaa’inaan goolabamutti hawaasnis yaadasaa utuu hinqusatin kennuu qaba jechuun ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016