Ashaaraa magariisaa bara kanaaf naannooleen qophii barbaachisu xumuraa jiru  

Finfinnee: Ashaara magariisaa bara kanaa milkeessuuf naannoon Itoophiyaa Kibbaafi Itoophiyaa Giddugaleessaa qophii barbaachisu xumuraa kan jiran ta’uu beeksisan.

Hoggantoonni Biiroolee Qonna naannoolee kunneenii turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa milkeessuuf hojiilee hojjetamuu qaban idileessuun hojjechuun yeroo ammaa boqonnaa qophii bira darbuun gara dhaabbii biqiltuutti kan galan ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Obbo Hayilamaariyaam Tasfaayee akka dubbatanitti, naannoonsaanii bara kana sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqilituuwwan akaakuu garagaraa miliyoona 372 dhaabuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Hanga ammaattis naannichi biqiltuu bunaa miliyoona 32 fi biqiltuu muduraa miliyoona 22 dhaabuun danda’ameera.

Biqiltoota barana dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaan 65 biqiltoota nyaataa fi faayidaa garaagaraatiif oolan yoommuu ta’u, dhibbantaan 35moo biqiltoota uwwisa bosonaa dabaluuf qofa oolan kanneen lafa waliiniifi gaarreen irratti dhaabamanidha.

Hogganaan Biiroo Qonna Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Usmaan Suruur gamasaaniin akka jedhanitti, sagantaa ashaaraa magariisaaa ganna bara kanaaf naannoonsaanii biqiltuu miliyoona 500 ol qophesseera.

Ji’a Onkololessarraa eegalee naannichatti sagantaa qindoomina misooma qonnaatiin hojiin biqiltuuwwan kanaan dura dhaabatanii laatinsasaanii mirkaneessuufi karoora dhaabbii biqiltuu bara kanaa milkeessuuf iddoo biqiltootni dhaabatan, akaakuu biqiltoota dhaabatanii, yeroo itti dhaabatan, eenyunillee akka dhaabatan adda baafamaniiru.

Bu’uura kanaanis biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaatiin baroota adda adda keessa naannoosaanitti dhaabatan giddugaleessaan dhibbantaan 85 qabataniiru

Haala qabatamaa naannichaa yaada keessa galchuun biqiltoota nyaataaf, ijaarsaaf, indastiriif, alergiifi eegumsa naannoof oolan jechuun adda baasuun baay’inaafi akaakuuwwan biqiltuuwwan qophaa’anii murteessuun ji’oota hedduuf hojjetamaa tureera.

Biqiltoota faayidaa hunda galeessa qaban kanneen akka bunaafi muduraa qonnaan bultootni boroo duuba akka dhaabaniif karoora “30/40” jedhamu baasuun hojjitti galame kan jedhan Obbo usmaan; karoorichi maatiin qonnaan bulaa tokko waggoota sadi keessatti biqiltuu muduraa 100 akka dhaabu kan taasisudha jedhaniiru.

Naannoosaanitti bu’aaleen kanaan dura qonnaan bulaan sagantaa ashaaraa magariisaatirraa argachaa jiru, sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiifi gara fuulduraatiif carraa guddaadha kan jedhan Obbo Usmaan; biqiltoota kanaan dura dhaabatan irraa qonnaan bultootni galii guddaa argachaa waan jiranif kaka’umsa mataasaanitiin qophiilee sagantichaaf barbaachisan irratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kan teknolojiitti fayyadamuun baay’ina biqiltuu dhaabatanii adda baasuun raawwatamuuf jiru raawwachuuf hanqinni ogeessoota naannicha mudachuu akka danda’u akka hudhaatti kaasaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You