Finfinnee: Qaala’iinsi jireenyaa rakkoo addunyaa ta’us biyya galiin ummataa irra jireessa gadaanaa ta’e, Itoophiyaatti gaaga’amni inni fidu olaanaadha.
Mootummaan tarkaanfii qaala’iinsa jireenyaa cinatti rakkoo hoji dhabdummaarratti fudhataa jiruun jijjiiramni qabatamaan dhufuu danda’eera. Qaala’iinsi jireenyaa bara darbe %33.5 ture ammaan tana gara %23.3tti gad bu’uu bira darbee xumura baranaatti gara %20tti akka gad bu’uuf irratti hojjetamaa jira.
Ministeerri Karooraafi Misoomaa raawwii hojii ji’oota saglan darbanii ilaalchisee Wiixata darbe wayita miidiyaaleef ibsa kennetti mootummaa rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhataa jira.
Ministirri Karooraafi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa akka jedhanitti, bara darbe qaala’iinsi jireenyaa akka dhiibbaa dhiigaa lammiilee sammuutti ol ba’uun walqabatee mootummaan dhangalaatii maallaqaa akka malee gabaa keessatti mudatu gogsuuf imaammata maallaqaarratti tarkaanfii jabaa fudhateera.
Hangi liqii baankotaas dhibbantaa 14 qofatti murtaa’eera. Akka addunyaatti gatii boba’aa ol ka’uun qaala’iinsa jireenyaa hammeessaa jiru maqsuuf qarshii biliyoona 29 ta’uun boba’aa hirpheera. Omishaafi omishtummaa dabaluu cinatti qaala’iinsa gatii xaa’oon walqabatu maqsuuf qarshii biliyoona 16 bittaa xaa’oo hirpheera.
Biyya idaan mataa gubbaa yaabeefi dandaliin qaala’iinsi jireenyaa bal’atee yaaddoo ta’ettii mootummaan tarkaanfiiwwan olitti fudhataman gahaa waan hintaaneef wantoonni bu’uuraa kanneen akka zayitii nyaataa, shukkaaraa, ruuziifi kanneen biroo ashuurarraa bilisa akka galan taasiseera. Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hundeerraa furuuf omshitummaa damee qonnaaf xiyyeeffannaa kennameenis bu’aa qabatamaan argameera.
Qaala’iinsa jireenyaa maqsuufis ta’e guddina dinagdeef sharafni alaa dhimma murteessaadha. Bu’uuruma kanaan mootummaan alergii dabaluuf hojii hojjeteen galii doolaara Ameerikaa biliyoona 2.5 argame keessaa, doolaara miliyoona 275 sookoo (warqii) irraa kan argameedha.
Abbootiin qabeenyaa biyya alaa hojii invastimantiirrattirratti hirmaannaa kallattii akka taasisan gochuun doolaara biliyoona 2.8 argachuun danda’ameera. Lammilee Itoophiyaa biyyoota hambaa jiraatanirraas rimetaansiin doolaarri biliyoona 3.65 argameera. Yaa’iinsa tuuristiis kan bara darbeerra kuma 100 caalmaa argsiisuun galii doolaarri 3.2 argameera.
Inisheetivota garaagaraa kanneen akka Maaddii Guutuu, misooma qamadiifi ruuziifaa qaala’iinsa jireenyaa xiqqeessuu keessatti gahee leencaa taphachaa jiru. Bara darbe omisha ruuziirraa callaan kuntaalli miliyoona saddeet argame barana hanga ji’oota saglan darban qofatti callaa kuntaalli miliyoona 38 sassaabameera. Qamadii kuntaalli miliyoona 80n walittiqabameera. Aannan liitira biliyoona lamaafi killee biliyoona 1.9 akkasuma foon toonii kuma 200s omishuun qaala’iinsa gatii xiqqeessuu Doktar Fitsum bal’inaan ibsaniiru.
Tattaaffii hoji dhabdummaa xiqqeessuuf taasifameenis waliigalaan namoota miliyoona 2.1f carraan hojii banameera. Namoonni kuma 278 ol biyyoota garagaraatti dameelee hojii addaddaarratti akka bobba’an taasifameera.
Ta’us potenshaala omishtummaa jiruun qaala’iinsi jireenyaa ammayyuu rakkoo jabaa ta’uu himanii; omishtootaafi shamattoota kallattiin walitti fiduuf hanqinni dhiyeessii geejibaa jiraachuu eeraniiru. Sababa kanaaf gatiin midhaan nyaataa takka akka ol ba’uufi gad bu’u sababa ta’a jedhan.
Ta’us guddinni dinagdee biyyattii haala walxaxaa keessatti xumura baranaatti dhibbantaa 7.9 akka guddatu eegamaa jira.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016