Finfinnee: Ekispoon Istiraayidii Itoophiyaa (‘Strid Ethiopia Expo’) mataduree ‘Saayinsiin balbala bana, Teknolojiin walitti hidha, Kalaqni fuulduratti tarkaanfachiisa’ jedhuun Caamsaa 10-18 bara 2016tti Finfinnee, Godambaa Saayinsiitti adeemsifamaa jira.
Ekispoo qindeessummaa Ministeera Inoveeshiniifi Teknolojiitiin qophaa’eefi Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin ifatti baname kanarratti bu’aaleen kalaqa teknolojii imala biyyattiin gara dinagdee dijitaalaatti ce’uuf taasisaa jirtu mul’isan agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa mariin paanaalii dinagdee dijitaalaa Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun dheengadda Galma Godambaa Saayinsiitti adeemsifamerratti akka jedhanitti, tiraanifoormeeshiniin dijitaalaa kenniinsa tajaajila mootummaa si’eessuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee guddaa qaba. Dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa ce’umsa dijitaalaayizeeshinii mirkaneessuu keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Tiraanifoormeeshinii dijitaalaa guddisuun jijjiirama hundagaleessa fiduuf kan gargaaru ta’uu himanii, ittifayyadamni teknolojii jireenya guyyuu keenyaa salphisuu keessatti daran murteessaadha. Sirna dinagdee dijitaalaa ijaaruun ammoo guddina dinagdee biyyaaf murteessaa ta’uu himaniiru.
Tiraanisfoormeeshiniin dijitaalaa kenna tajaajila mootummaa si’eessuu, galii walitti qabuufi malaammaltummaa hir’isuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu himanii, akkasumas qaqqabummaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
‘ICT’n dameelee fooyyessa dinagdee biyya keessaa mootummaan xiyyeeffannaa kenneefii irratti hojjechaa jiru keessaa tokko ta’uu eeranii, bara 2025tti Itoophiyaan ittifayyadama teknolojiitiin Afrikaarra adda durummaan akka eeramtuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Ittifayyadama teknolojiitiin ala kenna tajaajilaa si’eessuufi qulqullinasaa mirkaneessuun kan hindanda’amne ta’uu eeranii, teknolojii guddisuun garaagarummaa baadiyyaafi magaalaa gidduu jiru dhiphisuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Dinagdee dijitaalawaa guddisuun hojiilee tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, Itoophiyaatti tiraanisfoormeeshiniin dijitaalawaa jijjiirama gaarii fidaa jiraachuus dubbataniiru.
Teknolojii dijitaalawaa fayyadamuun bu’aa guddaa akka qabu miidhaas kan qabu ta’uu himanii, rakkoon nageenya saayibarii rakkoolee teknolojii dijitaalaan walqabatanii akka biyyaattis ta’e addunyaatti mudatan ta’uu eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016