Hudhaaleen damee tuurizimii xiyyeeffannaa addaa fedhu

Finfinnee: Tuurizimiin idustirii aara maleessaa guddina dinagdee addunyaa keessatti gumaata guddaa qabuufi damee misoomaa filatamaa ta’edha. Ragaan Kawuunsilii Tuurizimiifi Imala Addunyaarraa argame akka mul’isutti dameen tuurizimii guddina dinagdee addunyaaf %9.1 yookiin doolaara Ameerikaa tiriliyoona 9.9 gumaacha.

Faransaay waggaatti daawwattoota miliyoona 90tti hiiqan hawwachuun addunyaarraa dursarratti yoo argamtu Ameerikaanis bakkeewwan hawwata tuurizimii bal’aa qabduun Faransaayitti aanuun gulantaa lammaffaa qabatteerti.

Itoophiyaan biyya umurii dheeraafi qabeenya uumama bal’a qabdu taatus akka biyyoota addunyaa biroo dameen tuurizimii guddina dinagdee biyyattii keessatti gumaatnisaa hangana jedhanii dubbachuun rakkisaadha. Ta’us ji’aoota salgan darbanitti tuuristoota alaa biyyattii daawwatanirraa doolaarri Ameerikaa biliyoona 3.2 argamuu Ministeerri Tuurizimii raawwisaa ji’oota sagalii Kibxata darbe wayita Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessetti beeksiseera.

Daawwattoota biyya keessaa dadammaqsuun daawwannaa taasifamerraa qarshiin biliyoona 48.8 argamuun, namoota kuma 81 oliif carraa hojii uumuu, namoota kuma 29 ol tajaajila tuurizimiirratti waldaan gurmeessuun, hambaalee sadii galmeessisee, hojii miidiyaafi kominikeeshinirratti raawwiin jiru jajjabeessaa ta’uu kan ibse Manni Marichaa; potenshaala guddaa dameen tuurizimii qabuufi bal’inna hojidhabdummaan yommuu walbira qabamu hojii bal’aan hafuu hubachiiseera.

Bakkeewwan hawwata tuurizimii aadaa, namtolcheefi uumamaa kutaalee biyyattii garaagaraatti baay’inaan mul’atanis beeksisuufi misoomsuu hanqinni guddaan waan jiruuf madda galiittii jijjiiruun hin danda’amne. Sababa rakkoo nageenyaa bakka tokko tokkotti mudatuufi hanqina hubannoo daawwachiftootaabis walqabatee kallattiin daawwannoo bakkeewwan muraasa qofa ta’uus manni marichaa qeeqeera.

Bakkeewwan hawwata tuurizimii seenaqabeessaafi galii hedduu maddisiisuu danda’an, garuu ammoo Ministirri Tuurizimiin quba hinqabne hedduun jiraachuu miseensotni manna marichaa bal’inaan kaasaniiru. Masaraa Habtagiyoorgis (Qusee) Dinagdee, Masaraa Mootii Hayilasillaasee kan Ambotti argamu, masjiida Shoonkee kan Naannoo Amaaraatti argamu, Haroowwan Shaalaafi Abiyaataafaa bakkeewwan dagataman ta’uu akka fakkeenyaatti kaa’eera.

Yaa’iinsa tuurizimii dabaluuf hojii hojjetame jajjabeessaa ta’us beeksisuu, bu’uuraalee misoomaa, tajaajila loojotaafi hoteelotaarratti ammayyuu hojii bal’aatu eegama.

Akka biyyoota biroo meeshaan teknoloojiin yaa’iinsaa tuurizimiifi galii achiirra argamu salphaatti adda baasuufi galmeessuu bakka hojiirra hin oolletti yaa’iinsa tuurizimiifi galii argame ibsuun hanqina ta’uu Manni Marichaa qeeqeera.

Ministirri Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii gamasaaniin akka jedhanitti, teknolojii jedhame kana hojiirra oolchuuf sochiin eegalameera. Haa ta’u malee, baay’ina tuuristoota Itoophiyaa daawwatan Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiniirraa kan fudhatan yommuu ta’u, galiin argame ammoo namni tokko turtiisaa keessatti baasiinsaa istaandardii kaa’ameen shallagama.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You