Qaala’iinsa jireenyaa dhibbantaa 20tti gadibuusuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Mootummaan balaa sirnichaati kan jedhe qaala’iinsa jireenyaafi hojdhabdummaa xiqqeessuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjetaa jira. Hojii bal’aa hojjetameen qaala’iinsi jireenyaa bara darbe waliigalaan dhibbantaa 33.5 ture ammaan tana gara dhibbantaa 23.3tti gadibu’eera.

Xumura baatii Waxabajjiitti dhibbantaa 20tti gadibuusuuf sochii bal’aan taasifamaa jira. Doktar Abiyyi tibba darbe gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa ji’oottan salgan darbanii bal’inaan ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, qaala’iinsi gatii waliigalaan dhibbantaa 23.3tti gad bu’eera. Qaala’iinsi gatii midhaan nyaataa dhibbantaa 31.8 ture dhibbantaa 27tti gadibu’us ammayyuu hojii bal’aatu eegama.

Hojdhabdummaarratti hojii bal’aan hojjetameera ta’us sadarkaa barbaadamurraan ga’uuf ciminaan hojjetamaa jira. Qaala’iinsa gatii hir’isuuf milkaa’inni damee qonnaa qooda olaanaa qaba. Omishni midhaan nyaataa bara darbe kuntaala miliyoona 393 ture barana gara kuntaala miliyoona 506tti ol guddateera. Bara darbe callaan omisha qamadii bonaarraa argame kuntaala miliyoona 47 yommuu ta’u, barana garuu hanga ji’oota sagaliitti qofa callaan kuntaalli miliyoona 75 argameera.

Haaluma walfakkaatuun omisha ruuziirraa bara darbe callaan kuntaalli miliyoona saddeet yoo argamu, barana garuu gara kuntaala miliyoona 38tti guddateera jedhan.

Sagantaa Maaddii Guutuutiin omishtummaan aannanii, killeefi foonii haalaan dabaluu ibsanii; sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin omishtummaa bunaa, muduraafi kuduraa ol guddachuun dhimmoota hir’achuu qaala’iinsa jireenyaaf gumaata taasisan ta’uu eeraniiru. Omishtummaa qonnaa dabaluufis qarshiin biliyoona 73 damee qonnaatiif kennamuu eeraniiru.

Galiifi baasii akkasumas hir’ina bajataa ilaalchisee akka jedhanitti, keessattuu galii maddisiisuufi sassaabuurratti qaawwi jira. Haaluma kanaan hanga ji’oota sagaliitti baasiin ba’e qarshii biliyoona 495 yoo ta’u, galiin ammoo qarshii biliyoona 337 waan ta’eef galiifi baasii walmadaalchisuun dirqama. Hir’ina bajataa qarshii biliyoona 165 ture gara qarshii biliyoona 157tti xiqqeessuun danda’ameera jedhan.

Gama dinagdee dijitaalaanis daddabarsi maallaqaa karaa dijitaalaa bara darbe qarshii tiriliyoona 2.9 ture, bara kana gara qarshii tiriliyoona 5.6tti ol guddateera. Sossochii “Itoophiyaan Haa Omishtuun” Shiboo elektirikaa, keebiloota, utubaawwan elektirikaa tiraanisfoormarii, meeshaalee fayyaa tokko tokko, uffata miliitarii, biqila biiraafi dhagaa cilee dhibbantaa 63 biyya keessatti omishuun baasii doolaara biliyoona hedduu baraaruus ibsaniiru.

Biyya keessatti nageenya waaressuuf waldhabdee ture dhabamsiisuufi haaraan akka hinuumamne taasisuun kallattii fuulduraa yoo ta’u, gaaffii eenyummaafi sabummaa gaaddisa dimokraasii jalatti deebisuuf sochiin eegalame cimee ittifufa jedhanii; kana booda Itoophiyaa keessatti waan hafe gaafachuu yoo ta’e malee gaaffiin eenyummaa tooftaa qabsoo ta’ee dhiyaachuu akka hinqabne hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You