Oromiyaatti barattootni kutaa 12ffaa kuma 248fi 460 qormaataaf qophaa’aa jiru

Finfinnee: Oromiyaatti bara barnootaa 2016 barattootni kutaa 12ffaa kuma 248fi 460 qormaata biyyaalessaaf qophaa’aa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse. Sadarkaa hogganaa ittaanaatti gorsaan biirichaa Obbo Efireem Tasammaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, naannichatti barattootni kutaa 12ffaa kuma 248fi 460 qormaata biyyaalessaa qophaa’aa jiru.

Barattootni kuma 134fi 524 damee saayinsii uumamaa yommuu ta’an kumni 113fi 936 damee saayinsii hawaasaati. Akka ibsasaaniitti, lakkoofsi barattoota yuunivarsitii seenanii bara darbe hanga eegamu hinturre. Kunis kan ta’eef imaammata darbiinsa barataafi sirni bulchiinsa qormaataa waan jijjiirameef. Barana garuu qabxii barattootaa fooyyessuuf manneen barnootaafi qooda fudhatoonni hojii bal’aa hojjetaa jiru.

Qindeessaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qellem akka jedhanitti, qormaata kutaa 12ffaa baranaaf qophii bal’aa taasisaa jiru. Yoo xiqqaate barattoota qoraman %20 dabarsuuf karoorsanii hojjechaa jiru.

Manni barumsichaa barana barattoota 394 qormaata kutaa 12ffaaf qopheessaa jiraachuu himanii; haaluma kanaan kitaabileen haaraa barattoota dhaqqabsiisuu, qabiyyee gosa barnoota hundaa akka xumuraman taasisuu hubachiisaniiru. Akaakuuwwan barnootaa seensa yuunivarsitiif qormaatni keessaa qophaa’u barsiisota qaxalee mana barumsichaafi Yuunivarsitii Dambi Dolloo waliin ta’uun barnootni dabalataa kennamaa jira jedhan.

Gaaffilee qormaata baroota darbanii barattootaaf akka raabsamu himanii; gareen qayyabannaafi aadaan dubbisaa mana kitaabaa cimsuuf gumii tiraanisfoormeeshinii barnootaa waliin ta’uun hordoffiifi to’annoon bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waldaa Misooma Oromiyaatti (WMO) Ittigaafatamaan Qajeelacha Barnootaa Obbo Gizaawu Misgaanuu manneen barnootaa waldichaa hundatti hojii barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii bal’aan gaggeeffamaa jira. Barattootasaanii guutummaatti dabarsuuf karoorsanii hojjechaa jiru. Qabiyyeen barnootaa akaakuuwwan barnoota hundaa ji’a Guraandhalaa keessa akka xumuramu ta’eera.

Qabiyyee barnootaa dafanii xumuruun kan barbaachiseef gama qaawwa barattootaa adda baasuun barnoota dabalataa kennamuuf yeroo ga’aa qabaachuuf ta’uu dubbatanii; qayyabannaa gareefi dhuunfaan mana kitaabaatti fayyadamuuf yeroo ga’aa akka qabaataniifis ta’uu ibsaniiru. Jireenya hawaasummaa keessatti rakkoo xiinsammuu maqsuufis gorsa barbaachisaa suppaarvaayizariin kennamaa jiraachuu himaniiru.

Qormaatni moodeelaa marsaawwan sadiin qophaa’ee kennama. Cuunfaan firii barattootaa xiinxalamuun barattoota laafina agarsiisan adda baasuun qormaatni biyyaalessaa osoo hinga’in deeggarsi barbaachisaan akka kennamus ibsaniiru.

Barattootni kutaa 12ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qellemiifi WMOtti Mana Barumsaa Bultii Addaa Damee Adaamaa Yisiyaaq Birihaanuufi Helan Abbabaa sagantaa dhuunfaafi titooriyaalii manni barumsaa qopheesseefiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You